ONM-ABO Onkoloolessa 25, 2023
Murni maafi’aa PP karoora badii baafatanii qaroo ilmaan Oromoo sabboonummaa qabanii fi borii Oromiyaatiif abdachiisoo ta’aan, qaamota jiraachuu Oromiyaa hin barbaannee fi Itoophiyummaa ijaaruuf dhama’aan gammachiisuuf ajjeesuu, hidhuu fi achi buutee dhabamsiisaa jiru.
Bifuma kanaanis jiraata baha shaggar Kan ta’e nama maqaan isaa Roobaa Galmaa jedhamu Onkoloolessa 22, 2023 aanaa Fantaallee ganda Gaara-Diimaa jedhamutti osoo inni Gaala tikfatuu waraanni goolessaa PP balleessaa tokko malee bakka Gaala tikfannaatti ajjeesuun barameera.
Naasuu ilmaan namaaf kan hin qabne waraanni abaaramoon kunneen guyyuma sana daa’ima maqaan ishee Usseen Mohaammed jedhamtus qabanii hiraarsuun guyyaa tokko boodas akka lakkisan ifoomera.

