ONM-ABO Onkoloolessa 28, 2023
Gabaasni kaleessa BBCn baase kun akka jedhutti, namootni kunneen dhaabbata dhuunfaa Kaataar keessaa hojjechaa osoo jiranii, bara darbe hojii basaasummaan shakkamanii to’annoo jala ooluu isaanii ibseera.
Akka gabaasa BBCn jedhutti Kaataar ykn Hindiin himannaa addaa isaan irratti baname hin ibsin jiru.
Kamisa darbe mootummaan Hindii murtii kanatti baay’ee rifachuu ibsuun murtii kana aango’ota Qaataar waliin akka dubbatan himaniiru.
”Miseensota maatii fi garee seeraa waliin wal qunnamtii qabna, filannoowwan seeraa hunda qorachaa jirra,” kan jedhu ministeerichi, ”adeemsi dhimma kanaa iccitii waan ta’eef” yeroo ammaa kana yaada dabalataa irraa of qusachuu gabaasichi himeera.
Ibsichi namoonni kunneen hojjettoota dhaabbata dhuunfaa Al Dahra jedhamuu ta’uu kan ibsu yoo ta’u, hojjettoota humna galaanaa Hindii duraanii ta’uun isaanii bal’inaan gabaafameera.
Bara darbe paarlaamaa keessatti ministirri dhimma alaa Jaishankar garuu ”hojjetoota biyyattii duraanii” jechuun ibsaniiru. Maatiin namoota kunneen tokko tokkoo garuu eenyummaa fi seenaa humna galaanaa keessaa hojjechaa turuu miidiyaalee biyya keessaaf mirkaneessaniiru.
Bara darbe ji’a Hagayyaa keessa hidhamuu isaanii Hinditti mata duree oduu kan ture yoo ta’u, garuu himannaa isaan irratti baname ilaalchisee odeeffannoon mirkanaa’e xiqqaadha.
Akka gaazexaan The Hindu jedhutti namoonni kunneen ”iccitii miira namaa kakaasu cabsuudhaan” himataman jedhus, garuu mootummoonni lamaan kana hin mirkaneessine. BBCn himannaa kana of danda’ee mirkaneessuu kan hin dandeenye ta’us gaaffilee qabatee Imbaasii Kaataar dhaqee jira.
Ogeeyyiin akka jedhanitti waldhabdeen dippilomaasii tibbana uumame hariiroo biyyoota lamaanii irratti dhiibbaa uumuu danda’a jedhu. “Qaataar keessatti lammiileen Hindii kuma 700 ol kan jiran yoo ta’u, walitti dhufeenya dinagdee cimaa qabu. Mootummaan Hindii shakkii tokko malee dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa ture, garuu lubbuun isaanii akka baraaramu sadarkaa olaanaatti fudhachuu qaba ture,” jechuun Kaataaritti Ambaasaaddarri Hindii duraanii, Deepa Gopalan, The Hindu’tti himteetti.
Ji’a Muddee keessa Mr Jaishankar paarlaamaa keessatti akka himanitti mootummaan ”dhimma baay’ee miira namaa kakaasu” kana irratti Kaataar waliin yeroo hunda wal qunnamtii qaba ture kan jedhan ministeerichi, lammiileen Hindii galii gadaanaa qaban hedduun diinagdeen galoo galaanaa ijaaruu keessatti ga’ee taphachaa jiraachuu fi Hindiif madda maallaqaa barbaachisaa ta’us gabaasni BBC ni addeessa.

