ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2023
Irree fi wanteen uummataa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.
Haala kanaanis har’a Onkoloolessa 31, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii magaalaa Gambeelaa bakka addaa Tuubbii jedhamtutti tarkaanfii guggubduu waaree booda toora sa’a 8:00 hanga 11:00tti waraana Abiy Ahimed irratti fudhateen loltoota PP 17 ajjeesuun 28 madeessee jira.
Lola kanaanis qawwee AKM 5, boombii, uffata qorraa fi qophii irraa buufachuun dantaa Qabsoo Bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Odeeffannoo bubbulee nu qaqqabeen abdii fi gaaddisni uummata Oromoo WBOn godinuma Lixa Wallaggaa aanaa Noolee Kaabbaa mooraa waraana bilxiginnaa irratti Jimaata darbe Onkoloolessa 27, 2023 tarkaanfii laalessaa ergamtoota Abiy magaalicha maadheffatan irratti fudhatee magaalicha keessaa baasuun yeroof erga to’atatee booda gadhiisee ba’eera.
Tarkaanfii akkaan boonsaa kanaanis qawwee AKM 65, boombii 132, rasaasa 6533 fi meeshaale waraanaa adda addaa dugda diinaa irraa hiikuun 3F waraanaa 2 gubee yoo barbadeessu, loltoota bilxiginnaa 75 ajjeesee 98 madeessuun 13 harkaan qabee jira.
Lolli Bilisummaa Finiinee itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!
