ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023
Sirni naatoo namoomaa ofirraa mulquun teessuma ofii tikfachuutti fuulleffatee hojjetaa jiru, waraana isaa gara jabummaan faayee uummatatti bobbaasuun, ajjeechaa suukanneessaa uummanni Oromoo takkaa argee hin beekne irratti raawwataa jira.
Haaluma kanaan Baha Shaggar Aanaa Boosat ganda Garrii jedhamtu keessatti namoota hidhamanii turan keessaa namoota sadii kan maqaan isaanii Aadde Kuulanii Gannoo, Obbo Gadaa Goobanaa fi Obbo Boruu Baqqalaa jedhaman mana hidhaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii kan ajjeesan yoo ta’u, namni Tufaa Ida’oo jedhamu otoo rasaasni itti dhukaafamuu fiigee harkaa ba’uu maddeen keenya gabaasaniiru.
Aadde Kuulanii Gannootiin mucaa keessantu WBO keessa jira jechuun kan ajjeesan yoo ta’u, warreen kaanis WBO waliin hariiroo qabdu jechuun Onkoloolessa 30, 2023 ajjeesuun beekame.
Oduuma wal fakkaatuun Lixa Shaggar Aanaa Tokkee Kuttaayee magaalaa Mogor jedhamtu keessatti dargaggoon Eliyaas Milkeessaa jedhamu, WBO waliin hariiroo qabda ittiin jechuun Onkoloolessa 30, 2023 galgala badii tokko malee waraana PPn ajjeefamuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Dargaggoo Eliyaas ganda Kobaatti kan dhalate yoo ta’u, magaalaa Mogor keessatti jiruufi jireenya mataa isaa osoo gaggeeffatuu hidhattoota sirnichaan ajjeefamuu maddeen keenya dabaluun ibsaniiru.

