• Wed. Nov 29th, 2023

Uummatni Faalasxiin balaa duguuggaa sanyii guddaa keessa jira jechuun ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroo dubbatan Hamaas ammoo Misaa’ela 12 Isiraa’elitti darbachuu ibse

Nov 3, 2023

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Ogeeyyiin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii yeroon  Gaazaa keessatti “duguuggaa sanyii fi balaa namoomaa ittisuuf” taasifamu dhumuuf akka jiru ibseera.

Sababni isaa ammoo Isiraa’el Faalasxiinitti boombii darbachuu itti fufuun karoora naannicha balleessuuf qabdu dhaabuu” diduu ishee irraan kan ka’e  qeeqa kana dhiyeessan.

“Ummanni Faalasxiin balaa duguuggaa sanyii guddaa keessa akka jiru ammas ni amanna,” kan jedhan ogeeyyiin kunneen, akka gabaasaa addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti hedduun hawaasichaa mirga nyaataa, bishaan dhugaatii qulqulluu akka hin qabnee fi nagaan ba’ee akka hin galle ibseera.

Ibsi isaanii kun Waajjirri Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis haleellaan Israa’el dhiheenya kana mooraa baqattootaa Jabaliyaa isa guddaa Gaazaa – irratti raawwatte “seera idil-addunyaa cabsuun yakka waraanaa akka dalagan gabaasichaan ibsaniiru.

Yeroo ogeeyyotni  mootummoota gamtoomanii fi biyyootni garaagaraa Israa’eliin qeeqaa jiranitti Muummichi ministeeraa Israa’el loltoota waliin haasawwa taasisaniin ammas lammiileen nagaa Faalasxiin kaaba Gaazaa akka gadhiisan gaafataniiru.

Haleellaa fudhachuu ”Wanti nu dhorku hin jiru,”  kan jedhan Netaaniyaahuun hawaasni nagaan gara kibbaatti socho’aa” jechuun ”Shororkeessitoota Hamaas dhabamsiisuuf sochiin keenya hin dhaabbatu fuulduratti ni tarkaanfanna jedhaniiru.

Rakkoo baha giddu galeessa keessatti uumameef Pirezidaantii Raashiyaan kan komatamte US Ameerikaan Antoonii Blinkenii Jimaata har’a garasitti ergiti jedhamee eegama.

Dippiloomaatiin olaanaan Ameerikaa kun gara Israa’el erga ga’aanii hoggantoota Israa’el waliin wal arganii lolli kun akka dhaabbatu gochuun gargaarsi namoomaa akka taasifamuuf dhiibbaa ni taasisu jechuun  gabaasaaleen ba’e ni addeessu.

”Miidhaa dhiirota, dubartoota fi daa’imman Gaazaa irra gahu xiqqeessuuf tarkaanfiiwwan qabatamaa fudhatamuu danda’anii fi fudhatamuu qaban ni dubbannas, jechuun.” kun waan waadaa Ameerikaan  galte ta’uus himaniiru.

Rakkoo Gaazaa keessatti uumamaa jiruu fi akkaataa wal waraansi dhaabbatu irratti yeroo dubbatamaa jirutti akkuma Israa’el tarkaanfii itti fufte gareen hidhattootaa adda addaa Israa’el irratti tarkaanfii fudhachaa jiraachuu beeksisaa jiru.

Birgeediin Hamaas Qassam jedhamu  Libaanos irraa ibsa baaseen misaa’eloonni 12 gara Kiryat Shmonaa fi naannoo isheetti dhukaafamuu kan ibsan yoo ta’u, tarkaanfii isaanii kanaa ajjeechaa uummata keenya Gaazaa irratti raawwateef deebii kennuu dha jechuun Telegram isaaniin ergaa dabarsaniiru.

Gareen hidhattoota Hizbollaah Libaanos keessa socho’an kanneen mootummaa Iraaniin deggeraman ammoo sa’a wal fakkaataatti buufataalee waraana Israa’el adda addaa rukutuu ibseera.

Kun kanaan osoo jiru Israa’el Kibxata irraa eegalee loltoonni ishee  20 akka ajjeefaman mirkaneessuu ibsiteetti.

Dubbi himaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Daani’eel Hagaariis maxxansa miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen loltuun tokko naannoo Gaazaatti “hojii sakatta’iinsa irra osoo jiruu  miidhameera” jedhan.

Gaazaa keessatti dhaabbanni Raadiyoon Al-Aqsaa akka jedhutti gaazexeessitoota isaa keessaa tokko Mohaammad al-Biary haleellaa qilleensaa Israa’el magaalaa Gaazaa irratti taasifteen ajjeefamuu yoo ibsu, duuti isaa lakkoofsi gaazexeessitoota Falasxiin Onkoloolessa 7 irraa eegalee ajjeefamanii 31tti ol guddisuu gabaasni Aljazeeraa ni addeessa.

Leave a Reply