• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Qellem wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessatti hidhaa, ajjeechaa fi fi gudeeddiin jabaachuun dhaga’aame

Nov 4, 2023

ONM-ABO sadaasa 4, 2023

Duutni akka hiree saba Oromootti ilaalamuun, sabaaf sablammoota impaayera Itoophiyaa keessaa addatti sanyiin duguuggaa Oromoo irratti raawwachaa kan jiru, waraanni Koloneel Abiy Ahimed bakka deeman hundatti shammarran Oromoo dirqiin gudeeduu, miseensota maatii ajjeesuu fi gariin ammoo qabuun reebicha irratti geggeesuun hojiin ala taasisaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Haaluma kanaanis Jiraataa godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan ganda Tuulama Canqoo bakka addaa Birbir Garee 11ffaa keessatti kan argamu abbaa maatii daa’imman lama obbo Abraham Mohammad Sayid kan jedhamu sadaasa 3, 2023 bakka ijoolleen qeerroo jiran nu geessi jechuun waraanni faashistii PP yeroo dirqamsiisanitti bakka isaanii ani homaa hin beeku sababa jedheen qofaaf akka ajjeesan jiraattonni dubbatu.

Akka jiraataan ona Hawwa Galaan ONM dubbise himetti jiraataama ganda Tuulama Canqoo kan ta’e namoota maqaan isaanii obbo Amiin Abdallaa, Ibsaa Abdallaa fi Ahimed Bayyan jedhamanis qabuun waraanni goolessaan PP akka fuudhanii deemanii fi dabalataanis torban kana keessa qofaa shammarran 15 waraana PPn gudeedamuus ibsan.

Akkasuma shamarree Urjii Ahimad Mumudaa kan jedhamtu ganda Canqoo irraa, Adam Eyrii kan jedhamu ganda 21 irraa erga qabamanii torbee lamaa ol ta’aniiru jechuun, hanga ammaattis eessa akka geeffaman hin beekamin jiraachuus dabaluun ibsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading