• Wed. Nov 29th, 2023

Hogganaan Hizbollaah Hasan Nasirallaa gareen isaanii waan danda’amu hundaaf qophii ta’uu dubbatan

Nov 4, 2023

ONM-ABO Sadaasa 4, 2023

Hogganaan Hizbullaah haasaa kallattii kaleessa dhimmoota adda addaa irratti dubbataniin namni waraana naannichaa ittisuu barbaadu waraana Gaazaa irratti gaggeeffamaa jiru dafee dhaabuu qaba jedhan. Hogganaan dubbiin isaanii namoota baay’een daawwatamaa ture Nasrallah’n filannoowwan cufaaf banaa ta’uu fi gareen isaanii Hizbullaah’n waan danda’amu hundaaf qophii ta’uu dubbatan.

Ameerikaan doonii waraanaa naannichatti bobbaasuu ishee irratti haasaa kan taasisan Nasrallah’n Hizbullaah kanaan akka hin sodaachifamne himan. Haasaa isaanii keessatti mata dureewwan beekamoo tuquu itti fufuun, hogganaan Hizbullaah kun gama Libaanos irrattis tarkaanfii Israa’el Gaazaa irratti fudhattu akkaataa itti fufeen lolli daran hammachuu akka hin oolle dubbatan.

Nasrallah itti fufuun, Hizbullaah guyyaa guyyaan hojii isaa daran cimsuun Israa’el humna ishee Gaazaa ykn West Baankii dhuunfatame osoo hin taane naannoo daangaa Libaanositti akka tursitu dirqisiisaa jira jechuun lola kanatti Onkoloolessa 8, guyyaa Hamas haleellaa tasaa kibba Israa’el irratti baneen booda akka ta’e himaniiru. Guyyaa guyyaan humnoota Israa’el waliin daangaa Libaanos irratti dhukaasa wal jijjiiruun xiqqaa fakkaachuu danda’a garuu baay’ee barbaachisaa ta’uu dubbachuun, bara 1948 irraa eegalee kan kanaan dura hin argamne jechuun, hanga ammaatti qabsaa’onni Hizbullah 57 ajjeeffamuu isaanii Nasrallah’n mirkaneessee jira.

Nasrallah biyyoonni Arabaa fi Musliimaa lola Gaazaa irratti gaggeeffamaa jiru dhaabuuf waliin hojjechuu qabu jechuun hogganaan Hizbullaah wanti amma Gaazaa keessatti ta’aa jiru akka waraana kanaan duraa akka hin taane lola murteessaadha jedhanii waamuun namni hundi itti gaafatamummaa akka baatu gaafatas jedhan. Nasrallah kaayyoo lamas kaa’a: Inni tokkoffaan waraana Gaazaa dhaabuu yoo ta’u inni lammaffaan ammoo Hamaas lola kana irratti injifannoo akka argatu gochuudha.

Hanga ammaatti Nasrallah haasaa isaa keessatti Hizbullah gara fuulduraatti maal gochuuf akka karoorfate hin agarsiifne. Kana malees waraana Gaazaa keessatti raawwatameef guutummaatti itti gaafatamummaa kan qabdu US jechuun kan himate yoo ta’u, Israa’el meeshaa hojii raawwachiiftuu qofa jedhan. Akka hogganaan Hizbollaah Nasrallah’n jedhutti Israa’el lammiilee ishee karaa wal maree qofaan argachuu dandeessi jechuun gochi Israa’el gochaa jirtu gowwummaa fi dadhabina isheeti jedhan. Nasirallaan kana haa jedhan malee humni ittisaa Israa’el Hizbollaah daangaa Libaanos irratti loluuf qophii ta’uu fi uummatni Libaanos Hamaasiif jecha akka hin miidhamneef dhaamsa dhaamaniiru.

Gama biraatiinis muummichi Ministeeraa Israa’el Biniyaamiin Niitaaniyahuun maree Antoonii Bilinkeen waliin taasisaniin boodas lola akka hin dhaabne dubbii isaaniin hubachiisuu gabaasni Aljazeeraa fi BBC ni addeessa.

Leave a Reply