ONM-ABO Sadaasa 7, 2023
Ajjeefamuu fi hidhamuu uummata Oromoo qaamoleen miti mootummaa kanneen akka dhaabbileen gargaarsa fannoo diimaa akkasuma dhaabbanni mirgoota namoomaa ifaaf ifatti dubbachuu baatanis, rakkoon karaa murna bilxigginnaa hawaasa nagaa irratti adeemaa jiru Oromiyaa Keessatti babaldhachuun gariin namootaa waraana bilisummaa Oromoo nyaachistaa fi daandii agarsiistu maqaa jedhuun ajjeefamaa jiraachuutu himama.
Akkuma kanaanis Sadaasa 5, 2023 godina Wallagga lixaa aanaa Gimbii ganda Gaacii Keessatti waraanni maafi’aa PP abbaa fi ilma maqaan isaanii Fayyumaa waaqwayyaa fi Jireenyaa Fayyumaa jedhaman naannoo Keessan irra waraana bilisummaa Oromootu ture maqaa jedhuun yakka tokko osoo hin qabaatin rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan maddeen himan.
Waraanni goolessaan PP rakkoo hamtuu Oromiyaa guutuutti raawwachaa Kan jiran hoggaa ta’u, namoota gariin ilmaan Keessantu miseensa WBOti fi namoota kaan waraana bilisummaa Oromoo waliin ta’uun hojjettu maqaa jedhuun duula duguggaa sanyii raawwachaa jiraachuuun isaanii Kun hiree uummata Oromoo gara badiitti geessaa jira jechuun jiraattonni dubbatu.


