ONM-ABO Sadaasa 8, 2023
Baha Oromiyaa godinoota Harargee lamaan keessatti hidhaan ilmaan Oromoo irratti bilxiginnaan gaggeeffamaa jiru haalaan jabaatee itti fufuun, Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo irraa namoota nagaa Ammaan dura qabamanii hidhamanii turan keessaa namootni 23 jechuunis dhiirri 21 fi dubartootni 2 fuudhamuun gara Mooraa leenjii Xoollaayitti kan geeffaman ta’uu jiraataan aanichaa tokko dubbate.
Akka jiraataan kun dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himetti torban dabre aanaa Mi’eessoo araddaa Burraassa Tuqaa ganda Jilboo irraa namoota Abdii Ammee fi Abbaa Huseen ykn Adam Umar jedhaman balleessaa isaanii tokko malee qabanii hidhuun hiraarsaa jiraachuun beekame.
Dabalataanis aanaa Mi’eessoo araddaalee hedduu keessatti Waldaa walgargaarsaa uummatni Oromoo dhimma itti ba’aa ture, Buusaa Gonofaa fi Gatii Inshuuraansii maqaa jedhuun uummata rakkoo siyaasa sirnichaa, Hanqina Roobaa fi qaalayiinsa jireenyaatiin dararamaa jiru harkaa Humnaan qarshii 2000 fuudhaa jiraachuu maddeen aanicha himan.

