ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Kaleessa Sadaasa 13, 2023 miseensi waraana faashistii PP sabaan Oromoo ta’e tokko mooraa diinaa aanaa Zuwaay irraa gara gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo godina baha Shaggar aanaa Dugdaa keessa socho’utti makamee jira.
Miseensi waraana Abiy Ahimed qe’ee abbaa isaa irraa humnaan qabuun leenjii fudhatee Oromoo akka loluuf bobbaafame kun qawwee AKM 1, boombii, rasaasa 150 fi hidhannoo mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti galii taasisee jira.
Waraanni faashistii PP duraanii kun erga WBO bira ga’ee waan achitti arge yeroo dubbatu, waraanni bilxiginnaa warra duguuggaa sanyii uummata Oromoo irratti raawwachuun Oromoo jiilchuuf hojjetan waan ta’eef gochi isaanii na aarsee gara qabsoo Saba kootii dhufe jedheera.
Itti dabaluunis simannaa WBO’n taasiseefitti gammaduu isaa himuun, ilmaan Oromoo mooraa bilxiginnaa keessatti hafan yeroon gara qabsoo saba isaaniitti akka makaman dhaamsa dabarseera.


