Godina Bunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti haleellaa diroonii mootummaan Uummata fayyaalessaa irratti raawwateen lubbuun namoota 25 olii ba’uufi konkolaattota dabalatee qabeenyaan heedduun barbadaa’uu gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.
Namoonni heedduunis madaa’uun kaan ammoo qaamaa kan hir’atan yoo ta’u, suuraan kun daa’imman haleellaa kanaan miidhamanidha.



