• Wed. May 6th, 2026

Kooriyaan Kaabaa saatalaayitii dabalataa furguggisuu ishee himuu fi daangaa irratti waraana guddisuu ishee Rooyiters gabaase 

Nov 27, 2023

ONM-ABO Sadaasa 27, 2023

Kooriyaan Kaabaa Wiixata har’aa saatalaayitii furguggisuu dabalatee mirga birmadummaa biyya ishee fayyadamuu akka itti fuftu akeekkachiisuun, loltoonni ishee daangaa Kooriyaa Kibbaa irratti buufataalee eegduu irratti deebi’aa akka jiran Rooyiters gabaasa har’a qabatee ba’een ibse.

Ministeerri haajaa alaa Kooriyaa Kaabaa torban darbe saatalaayitiin sakatta’iinsaa furguggifamuun Ameerikaa fi michoota ishee hordofuun barbaachisaa ta’uu ibsuu isaa miidiyaan mootummaa KCNA gabaaseera.

“Mirga ofirraa ittisuu fi tarkaanfii waraanaa hamaa U.S. fi hordoftoonni ishee fudhatan gadi fageenyaan deebii kennuu fi sirritti hordofuuf karaa seera qabeessa akkasumas haqa qabeessa ta’edha,” jedha gabaasni KCNA.

Kooriyaan Kaabaa meeshaa niwukilaraa qabdu Kibxata darbe saatalaayitii kana furguggisuun, milkaa’inaan orbiiti seenee suuraa dabarsaa jira yoo jettu, qondaaltonni ittisaa fi xiinxaltoonni Kooriyaa Kibbaa dandeettiin ishee  hin mirkanoofne jedhan.

Saatalaayitiin kun furguggifamuun Kooriyaan Kibbaa waliigaltee waraanaa Kooriyaa gidduutti bara 2018 taasifame  keessaa keewwata ijoo tokko akka addaan kuttuu fi naannoo daangaatti hordoffii qilleensaa akka eegaltu taasiseera.

Kooriyaan Kaabaa dabaree isheetiin kana booda waliigaltee kanaan akka hin hidhamne fi daangaa Kibbaa waliin jiru irratti meeshaa waraanaa akka bobbaaftu labsiteetti.

Qondaaltota waraanaa Kooriyaa Kibbaa wabeeffachuun Yonhap news akka gabaasetti loltoonni Kooriyaa Kaabaa meeshaalee waraanaa gurguddaa gara daangaa Zoonii Waraanaa Hiikkaa (DMZ) tti deebisuu fi buufata waardiyaa biyyoonni lamaan waliigaltee hammeenya hir’isuu hordofuun diigan dhaabuu isaanii ilaalameera.

Kooriyaan Kibbaa akka tilmaamtutti, Kaabaa DMZ irratti buufata waardiyyaa gara 160 kan qabdu yoo ta’u, Kibbaan ammoo 60. Gama tokkoon tokkoon isaaniin erga waliigalteen waraanaa bara 2018 mallattaa’ee booda 11 diiganiiru.

Dubbi himaan ministeera ittisaa Kooriyaa Kibbaa gabaasa kana hin mirkaneessine.

Ameerikaan walgahii Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii beellama hin qabne waamtee saatalaayitii Kaabaa furguggifamuu irratti mari’attee turte.

Sadaasa 22 miseensonni Mana Maree Nageenyaa sagal ibsa kennaniin, furguggifamuu saatalaayitii Kaabaa teeknooloojii misaa’ela balistikii fayyadamuu ishee balaaleffachuun, murtii Mana Maree Nageenyaa irra deddeebiin cabsuudha jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Kooriyaa Kaabaa ibsi kun Manni Maree Nageenyaa hangam hojii akka dhabe kan agarsiisuu dha jechuun, biyyoonni miseensa ta’aan tokko tokko ija jaamsatanii Ameerikaa hordofuun ibsa hiika hin qabne baasu jedhan.

Miseensota dhaabbataa mirga sagalee sagaleen diiguu qaban keessaa lama Chaayinaa fi Raashiyaan qoqqobbii haaraa Mana Maree Nageenyaan Piyoongiyaang irratti kaa’ame kamiyyuu keessatti hirmaachuu diduu Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading