• Fri. Mar 13th, 2026

Waraanni faashistii PP aanaa Toongoo fi Begii keessatti namoota nagaa hidhuu jabeessan 

Dec 4, 2023

ONM-ABO Mudde 4, 2023

Gareen maafi’aa PP namoota nagaa dararee aangoo isaa dheereffachuuf of ijaare, waraana isaaf amanamoo ta’aan  Oromiyaa keessatti bobbaasuun ajjeechaa, hidhaa fi saamicha raawwatu itti fufee jira.

Torbee darbe Sadaasa 27, 2023 loltootni PP Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Toongoo ganda Uushuu irraa abbaa fi ilma Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jechuun reebicha hamaa hanga mataa baqaqsanitti irratti raawwachuun magaalaa Toongootti geessanii mooraa waraanaatti hidhanii jiru.

Namootni Oromummaa isaaniin reebamuun hidhaman kunis Guutaa Baay’ataa fi Kamaaladdiin Guutaa ta’uun barameera.

Waraanni faashistii kun gocha hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuu itti fufuun Roobii darbe Sadaasa 29, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Duuluu Hundaaraa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii Jamulee Oliiqaa, Abdurrahiim Musxafaa fi Ismaa’el Sheek Huseen jedhaman badii tokko malee qabuun mana hidhaa magaalaa Begii keessatti dararaa jiraachuu maddeen aanaa Begii fi Toongoo irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading