ONM-ABO Muddee 9, 2023
Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaan balaa Kooriyaan Kaabaa gama saayibariin irratti raawwattuuf deebii kennuuf Sanbata har’aa jalqabbii haaraa irratti waliigaluu isaanii gorsaan nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Jaak Salaavaan himuu Rooyiters gabaase.
Piyoongiyaang saatalaayitoota basaasaa dabalataa akka bobbaastu akeekkachiisaa yeroo jirtutti, gorsitoonni nageenyaa biyyaalessaa biyyoota sadeenii magaalaa guddoo Kooriyaa Kibbaa Siyool keessatti wal argan.
Salaavaan akka jedhanitti, walgahiin kun walgahii biyyoota sadii Kaamp Deeviditti baatii Hagayyaa keessa pirezidaant Joo Baayiden qopheessan irratti waadaa kaa’ame hordofee kan raawwatame yoo ta’u, hoggantoonni U.S. fi michoota ishee ijoo lamaan Eeshiyaa tumsa nageenyaa fi dinagdee gadi fageessuuf waadaa galanii turan.
“Akkasumas balaa Kooriyaan Kaabaa DPRKn geessisu qolachuuf jalqabbii biyyoota sadii bifa haaraan eegalleerra jechuun, yakka saayibarii fi maallaqa kiirpitoo seeraan alaa maallaqa daddabarsuu irraa kaasee hanga yaaliiwwan hawaa fi misaa’ela balistikii of eeggannoo malee taasisuutti,” jechuun Salaavaan Kooriyaa Kaabaa maqaa seeraa ishee Rippabiliika Dimookiraatawaa Uummata Kooriyaa eeruun ibsa gaazexeessitootaaf kennaniiru.
Gitni isaa Jaappaan Taakeyooo Akiibaa akka jedhanitti, Kooriyaan Kaabaa ”sochii saayibarii seeraan alaa” geggeessaa jirtu qormaata dhiheenya kanaa ta’ee mul’ateera, mootummaa adda baatee jirtu kanaaf misaa’ela niwukilaraa hojjechuuf ”madda maallaqaa” ti jechuun ibsan.
Biyyoonni sadan qindoominaan tattaaffiin taasisan balaa dirqisiisaa dinagdee mudachuu danda’u irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, sirna akeekkachiisa dursaa dhiyeessii caasaa, Kaamp Deevid keessatti waliigaltee irra ga’ame, albuuda murteessoo fi baatiriiwwan irra deebiin anniisaa fudhatan irratti hojii xumuruu isaaniiti jedhan Suulivaan.
Baayiden humna Chaayinaa guddachaa dhufee fi balaa niwukilaraa Kooriyaa Kaabaa irraa dhufu keessatti tokkummaan karoorfatanii hojjechuuf Pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa Yoon Suk Yehool fi Ministira Muummee Jaappaan Fuumiyoo Kishiidaa waliin Kaamp Deeviid keessatti wal arganii turan.
Salaavaan saboonni kun ”nagaa fi tasgabbii qarqara ulaa Taayiwaan fi bilisummaa doonii Galaana Bahaa fi Kibba Chaayinaa keessatti argamuuf dhaabbachuu itti fufaniiru” jedhan.
Salaavaanii fi gitni isaa Kooriyaa Kibbaa Choo Taaye-yoong Sanbata har’aa waltajjii walta’iinsa chiipsii fi teeknooloojiiwwan murteessoo biroo irratti kaayyeffate, Marii Teeknooloojiiwwan Murteessaa fi Dhaloota Itti Aanuu ilaalchisuun waltajjicha dursuu isaanii waajjirri pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa beeksiseera.
Miidiyaaleen mootummaa Kooriyaa Kaabaa akka jedhanitti, Piyoongiyaang yeroo dhiyootti saatalaayitoota basaasaa dabalataa furguggisuuf kutannoo qabaachuu ishee ibsuun, qaamni dagaagina hawaa mirga ofirraa ittisuu akkuma biyyi kamiittiyyuu qaba jedhan. Kooriyaa Kibbaa saatalaayitii mataa ishee furguggisuun ulaagaan dachaa qaba jechuu ishee DPRKn qeeqxeetti.
Saalivaan himannaa sana mormuun, furguggifamuun saatalaayitii Kooriyaa Kaabaa teeknooloojiiwwan misaa’ela baalistikii murtee Mootummoota Gamtoomanii cabsan kan of keessaa qabu yoo ta’u, kan Kooriyaa Kibbaa garuu hin cabsu jedhan.
Hordoftoonni qoqqobbii Kooriyaan Kaabaa haleellaa saayibarii fayyadamuun sagantaa niwukilaraa fi misaa’elaa isheef maallaqa walitti qabuu kan himatan yoo ta’u, gabaasni U.N. akka jedhutti Piyoongiyaang bara darbe hanna maallaqa kirpitoo ishee cimsuun tooftaalee ulfaataa fayyadamtee bara 2022tti bara kamiyyuu caalaa hanna baay’ee hatteetti.
Kooriyaan Kaabaa himannaa waan namootaa qilleensa irraa cabsuu ykn haleellaa saayibarii birootiin dhiyaate haaltee jirti.
Salaavaan fi Akiibaa waliin erga mari’ataniin booda Choon Kooriyaa Kibbaa akka jedhetti sadan isaaniiyyuu dhimma Yukireen fi Baha Giddu Galeessaa irrattis yaada wal jijjiiruu hime.
Tumsa waraanaa Raashiyaa fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti guddachaa jiru irratti kan mari’atan yoo ta’u, sadan isaaniiyyuu Kooriyaan Kaabaa waraana Yukireen keessatti Raashiyaadhaaf meeshaa waraanaa dhiyeessaa akka jirtu ofitti amanamummaa qabu jedhan Salaavaan.
Waayit Haawus Onkoloolessa keessa Kooriyaan Kaabaa buufata doonii magaalaa daangaa ishee Raason keessatti argamu irraa meeshaa waraanaa Raashiyaadhaaf ergaa kennitee booda, buufanni doonii kun sochii sadarkaa olaanaa agarsiisuu itti fufuu, Giddugala Tarsiimoo fi Qorannoo Idil-Addunyaa (CSIS) kan Waashingitan keessatti argamu gabaasa Jimaata kaleessaa suuraa saatalaayitii wabeeffachuun maxxanse ni ibsa jechuun Dhaabbanni oduu Rooyiters gabaaseera.
