ONM-ABO Sadaasa 11, 2023
Murni qarree kufaatii irra jiru bilxiginnaan kufaatii irraa of baraaruuf waan qabuuf waan gadhiisu wallaalaa kan jiru yoo ta’u, akkuma bara Dargii qonnaan bulaa, barataa akkasumas hojjetaa humnaan ukkaamsuun dirree lolaatti ergaa ture yeroo ammaas bilxiginnaan iddoo maraa leenjii waraanummaaf uummata gabaa deemu daandii irraa, waldaa keessaa fi mana mana irra deemuun ukkaamsaa jira.
Haaluma kanaan Muddee 9, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Guutee keessaa hawaasa nagaa jumlaan ukkaamsuun konkolaataa tokko guutuu yoo fe’an, aanama Sayyoo ganda Karroo keessaas guyyaama sana uummata gabaa Dambi Doolloo deemaa jiru jumlaan ukkaamsuun konkolaataa tokko guutuu fe’anii jiru.
Itti dabaluun, guyyaa kaleessaa Muddee 10, 2023 Bulchiinsa Magaalaa Dambi Doolloo gandoota hundarraa namootni uukkaamfamaa kan jiran yoo ta’u, namoota ukkaamfaman keessaa kan maqaa arganne; obbo Kaasahuun Faradaa fi obbo Yooseef Mul’ataa yoo ta’an jarri kun lamaan hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka jiran hin baramin jiru.
Akkasumas, Muddee 7, 2023 abbaa ijoollee sadii kan ta’e Gadaa Deggefuu mana nyaataa keessaa qabuun buufata waraanaa iddoo bashannanaa kan ganda 07tti argamutti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen gabaasanii jiru.


