ONM-ABO Muddee 11, 2023
Falmiin jaarraa tokkoof saboota Ameerikaa Kibbaa lamaan gidduutti ture dhiheenya kana Guyyaanaatti boba’aan baay’inaan argamuu isaatiin deebi’ee ka’eera.
Mootummaan Nikolaas Maaduroo torban darbe rifarandamii gaggeessee naannoo Essequyiboo kan Guyyaanaa harka sadii keessaa lama haammatuu fi kuufama boba’aa gurguddaa galaanatti dhihoo jiru irratti abbaa biyyummaa akka qaban himatee ture.
Yeroo loltoonni daangaa Veenzuweelaa fi Guyyaanaan waliin qaban gama lamaaniinu baay’inaan mul’atanitti, prezidaantiin Guyyaanaa Irfaan Ali Dilbata kaleessaa akka jedhanitti, biyyi isaanii Kamisa dhufu biyya odola Baha Kaaribiyaan kan taate Seent Viinsent keessatti wal arguun sararri daangaa biyyoota lamaan gidduu jiru eessatti akka sararame irratti Venzuweelaa waliin ni mari’atti jedhan.
Garuu sababa wal dhabdeen isaan gidduu jiru hammaachaa jiruun waliigalteen gareen tokko irratti mo’atu waan argamu miti.
“Dhimma falmii daangaa irratti ejjennoon Guyyaanaa kan hin mari’atamne ta’uu isaa baay’ee ifa godheera,” jedhan Aliin tamsaasa biyyaalessaa irratti.
Daangaan kun bara 1899tti komishinii idil-addunyaatiin kan kaa’ame yoo ta’u, Guyyaanaan seera qabeessaa fi dirqama ta’uu isaa kan falmitu yoo ta’u, Veenzuweelaa ammoo shira hanna lafaa ta’uu himti.
Sababni isaas giddu-seentotni Biriteen, Raashiyaa fi Ameerikaa irraa dhufan daangaa kana murteessaniiru. Wantoota biroo keessaa, qondaaltonni Veenzuweelaa Ameerikaanoonni fi Awurooppaanonni biyya isaanii gowwoomsanii lafa dhabsiisuuf waliigaltee uumuu isaanii falmu.
Mootummaan Maaduroo’s Sanbata darbe akka jedhetti “hawwii Laatiin Ameerikaa fi Kaaribiyaan akka naannoo nagaatti eeguuf qabnuun, qooda fudhattootni alaa osoo hin seeniin” marii irratti walii galuu isaa ibseera.
Veenzuweelaan waliigaltee durii keessaa keewwata tokko fayyadamuun kallattiin biyyoota lamaaniin akka taasifamu dhiibaa kan turte yoo ta’u, Guyyaanaan dhimmichi Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaa Mootummoota Gamtoomaniin murtaa’uu qaba jetteetti.
Muummichi ministeeraa Seent Viinsent Raalf Goonsalves walgahii kana kan dursan yoo ta’u, Biraazil kan daangaa Veenzuweelaa fi Gaayana lamaan waliin qabdu, akkasumas loltoota dammaqinaan kaa’attee turte akka taajjabduutti ni hojjetti.
Bara 2015tti kuufamni boba’aa gurguddaan lafa wal dhabdee kanatti argamuu fi industiriin boba’aa Guyyaanaa dabaluun kan Veenzuweelaa yeroo kufaa jirutti akkasumas bara 2018 irra deebiin filatamuun Maaduroo gaaffii lafti kun na ilaallataa akka hammeesse gabaasni Associated Press har’a ganama qabatee ba’e ni addeessa.





