• Mon. Mar 16th, 2026

Waraanni impaayera itoophiyaa 5 sirnicha ganuun gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa fi Baha Shaggaritti makaman 

Dec 19, 2023

ONM-ABO Mudde 18, 2023

Sirni nama nyaataan gadaa aangoo isaa dheereffachuuf afaan qawween ukkaamsee ilmaan Oromoo gara moonaa leenjii geessuun hamminaafi gara jabina impaayerittiin Oromoof qabdu barsiisee haa deebisuyyuu malee ilmaan Oromoo quuqama saba isaanii qaban guyyaadhaa gara guyyaatti sirna Saboota ukkaamsu kana dheessuun gara qabsoo sabaatti makamaa oolu.

Haaluma kanaan mudde 17, 2023, ilmaan Oromoo dirqiin butamuun moonaa warra gara jabeeyyii keessatti leenji’uun akka haadhaaf abbaa isaanii akkasumas firaaf fiixaa isaanii ajjeesaniif qawwee hidhachiifaman fudhachuun namoonni 3 gara gooticha WBO Zoonii Bahaatti namoonni 2 ammoo Baha Shaggaritti imaluun qabsoo saba isaaniitti makamaniiru.

Ilmaan Oromoo bara mootummaa Oromootu impaayericha bulchaa jira jedhamu kanatti moonaa waraana bilxiginnaa keessatti rakkataa jiru kan jedhan miseensonni waraana PP harka kennatan kun, achi keessatti Oromoofi Oromoon waliin deemuufi afaan Oromoo waliin dubbachuun badii guddaa nama adabsiisuudha jedhaniiru.

Eegdonni sirnichaa abdi murannaa guddaa keessa waan seenanii jiraniif, badiiwwan gurguddoo saba keenya kana irratti akka raawwannu kan nu ajajan isaani, miseensi ajaja isaanii raawwachuu yoo dide ni ajjeefama waan ta’eef, waraanni isaanii kanaaf diigamaa jira, kan hafteyyuu karaa itti baatu dhabanii taa’u malee akka isaan jedhan jaalalli biyyaa isaan bitee mitis jedhaniiru.

Dhuma irratti, waraana moonaa PP keessatti hafaniin, murannoo godhaa, ilmaan Oromoo Oromummaa isaaf ajjeesuun akka of ajjeesuutti lakkaa’ama waan ta’eef, aarsaa si gaafate baasii qawwee diinni akka fira kee ajjeeftuuf sitti kenne diina Oromootti garagalchi jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading