• Sun. Mar 15th, 2026

Hoogganaan UN kirkira lafaa Chaayinaa keessatti mudateen gadda itti dhaga’aame ibsan 

Dec 20, 2023

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Barreessaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees lubbuu namootaa, miidhaa namoota irra ga’ee fi barbadaa’iinsa qabeenyaa kirkira lafaa Chaayinaa keessatti mudateen gadda guddaa akka qaban dubbi himaan isaanii Isteefan Dujaariik Kibxata kaleessaa ibsaniiru.

Uummataa fi mootummaa Rippabiliika Uummata Chaayinaa waliin akka dhaabbatan ibsuun, maatii namoota miidhamaniif jajjabina, gadda gadi fagoo itti dhaga’aamee fi namoota miidhamaniif saffisaan akka irraa fayyan hawwaniiru jedhan Dujaariik.

Guteerees tattaaffii mootummaan Chaayinaa taasisaa jiruuf beekamtii kan kennu yoo ta’u, gareen Mootummoota Gamtoomanii achi jiru gargaaruuf qophiidha jedhan.

Kirkirri lafaa humna 6.2 kaaba dhiha Chaayinaa bulchiinsa Gaansuu fi Qingihayitti Wiixata  halkan walakkaa mudate lubbuu namoota 130 ol galaafateera jechuun Dhaabbanni Oduu chaayinaa Jiinuwaanii fi CGTN gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading