• Fri. Jan 9th, 2026

WBOn godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa 2 keessatti tarkaanfii fudhachuun dishqaa dabalatee meeshaalee adda addaa irraa hiike

Dec 26, 2023

ONM-ABO Muddee 26, 2023

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii laalessa waraana faashistii PP irratti itti fufuun diina du’aa fi madoon adabuun meeshaalee waraanaa hedduu irraa hiikee jira.

Lola ganama kana Muddee 26 aanaa Kombolchaa fi Coomman Guduruu keessatti geggeessaa jiruun injifannoo cululuqaa galmeessee jira.

Korommiiwwan WBO aanaa Kombolchaa mooraa waraana maafiyaa PP ganda Qarree Waatiyyoo kan hedduminaan loltootni Abiy Ahimed buufatanii jiran irratti fudhateen 126 ajjeesuun 159 madeessee 30 harkaan qabee jira.

Gama meeshaatiinis ganda Qarree Waatiyyoo kana keessatti Dishqaa 3, Moortara 2, RPG 1, Qumbullaa Moortaraa 40, rasaasa Bireenaa fi AKM 6000 ol fi qophiilee waraanaa addaa irraa hiikuun kanneen biroo barbadeessuun buqqisee jira.

Abdii fi gaachanni uummata Oromoo WBOn godinichuma aanaa Coomman Guduruu magaalaa Gabatee keessatti tarkaanfii laalessaa fudhachuun mooraa magaalaattii keessaa ergamtoota Abiy Ahimed buqqisaa jira.

Lolli ammallee itti fufee kan jiru yoo ta’u, akka lolli xumurameen gabaasa guutuu isiniin geenya!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading