• Fri. Mar 20th, 2026

Murni bilxiginnaa koomishinii maree biyyaalessaa jedhuuf namoota aanaalee irra waamuun leenjisaa jiraachuun barame

Dec 30, 2023

ONM-ABO Muddee 30, 2023

Murni faashistii bilxiginnaa nagaa impaayerattii keessatti buusuun fedhii sabootaa akka guutamuuf karaa nagaa fi seera qabeessaa hojjechuu irra humna waraanaa fi dhaabbilee sobaa aangoo irra isa tursuuf gargaaran jedhu fayyadamee hojjechuu itti fufee jira.

Godinoota Wallaggaa arfan, Jimmaa fi Bunnoo Beddellee irraa aanolee godinichaa keessaa nama tokko tokko waamuun maqaa Maree Biyyaalessaan magaalaa Jimmaa keessatti leenjii kennaafii jiru.

Maree kana irratti “uummatni Oromoo nagaa fi araara barbaada waan ta’eef mootummaa fi mormitootni akka heeraa fi seera biyya kanaatti akka araara buusan” jedhee uummatni murteeffateera isa jedhu addunyaatti lallabuuf diraamaa sobaa hojjeechaa jiraachuun barame.
Gocha kanas ABO-WBOtu araara dide jedhanii afaanfaajjii eegalan sanaan itti fufuufi.

Marsaa jalqabaatiin barsiisota Yuniversitii kmiseensota yookiin deggertoota jedhanii amanan leenjisuun isaan ammoo miseensotaa fi deggertoota isaanii waajjiraalee aanaa fi zoonii irra jiran walitti qabanii akka leenjisan taasisanii jiru.

Barsiisotni Yuunivarsiitii xalayaan Muddee 11, 2023 waajjira koomishinii maree biyyaalessaa irraa barreffameef namoota filamanii dhufanii erga leenjii kannaniin booda warri aanaa irraa dhufan, aanaa isaaniitti deebi’uun namoota leenjisuun afaanfaajjii uumanii siyaasa bilxiginnaa akka tumsamtu irraa eegama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading