⚫ Kabajamaa Ummata Oromoo; kan biyya kee irratti lolli gosa hedduu si irratti labsamee dararaa guddaa keessa jirtu,
⚫ Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo; kan kaayyoo ummata Oromoo bakkaan gahuuf diina kuffisaa jirtu,
⚫ Miseensotaa fi Deggertoota ABO-WBO; kaayyoo bilisummaa uummata keenyaa dhugoomsuuf roga hundaan qabsoo keessatti qooda fudhachaa jirtan,
⚫ Qeerroo Bilisummaa Oromoo; kan gabrummaa awwaaltanii sanyii bilisummaa irratti facaasuuf wareegama qaalii baasaa jirtan,
⚫ Ilmaan Oromoo sababa ilaalcha siyaasaa keessaniin mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jirtaniif:
Barri 2023 dhumatee yeroo gara bara haaraa 2024 seenuu ajajaan ol’aanaa ABOWBO dhaamsa bara haaraa maqaa uummata Oromoo, gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi miseensota ABO-WBOtiin baga 2024 waliin geenye jedha. Waggaan haaraa itti seenaa jirru kun bara qabsoon bilisummaa Oromoo dagaagee gudunfaa itti argatu, akkasumas bara ummatootni cunqurfamoo marti sirna cunqursaa fi ukkaamsaa of irraa kaasanii bilisooman akka tahu hawwii qabnu ibsina. Guyyaan kun ABO-WBO keessatti ayyaana dachaa ta’ee kabajama. Inni duraa injifannoo abbootiin keenyi bara dhuma 1979 keessa galmeessanii Amajjii 1, 1980 kabajan yaadachuuf, injifannoo ABO-WBOn har’a galmeessu dinqisiifachuuf, waadaa fi irbuu ofii haaromsinee kaayyoo sabaa galmaan gahuuf yeroo ta’u inni lammataa ammoo barri moofaan dhumatee haaraan bakka bu’u waan taheef bara haaraa simachuuf kabajna.
Qabsoo sabaa saffisa feesisuun gaggeessuuf haala har’a keessa jirru sirnaan hubachuu fi dirqama keenya bahachuun dirqii ta’a. Qabsoon saba keenyaa yeroo gabaabaa keessatti akka galma gahu hirmaannaa ilmaan Oromoo maraa murteessaa dha.
Wareegamni Oromoon baroottan darban shanan keessatti baasaa jiru yoo wareegama ida’ama baroottan 100 keessa wal bira qabamee ilaalame kan bara as dhihoo kanaatu caala. Bara namni Afaan Oromoo dubbatu biyya nan bulcha jechaa jiru keessatti maaliif wareegamni Oromoo akkas guddate? Mootummaan kunuu kan Oromooti jechuun sirrii dha? Miti! Mootummaan Oromoof yaadu, Oromoo hin ajjeesu! Jiruu fi jireenya Oromoo fooyyessa, Oromoo irratti diina hin guddisu.
Bara kana keessa didhaaleen guddaa nu mudatan kan ogummaa guddaan irra aanne keessaa tokko, halagaa fi addunyaan mootummaan Itiphiyaa bulchaa jiru Oromoo dha jechuu fi hogganooti ABO duraanii hedduun isaanii mootummaa deeggaranii waliin hojjechuun isaanii uummata keenya, halagaa fi hawaasa idil-addunyaa burjaajessee ture. Sana wal duraa duubaan hojiin gama ABO-WBOtiin hubannoo gahaa kennamee jira.
Jalqaba WBO shororkeessaa, kan akeeka hin qabne, kaayyoo hin qabne, hoggana hin qabne fakkeessanii dhiheessuuf qorannoo gaggeessanii sadarkaa Awrophaatti galmeessisuuf yaalan, falmii dhaan fashale, qaamni guddaan jaarmayaa nagaa Awrophaa jedhamus ifaan ABO-WBO xalayaa barreessee dhiifama gaafate.
Itti aansee Manifesto Amajjii bara 2023 ABO-WBOn baase irratti hundaahuun addunyaan ilaalcha guddaa ABO-WBOf kennite. Warri ABO-WBOn akkeka fi kaayyoo hin qabu jedhanis deebbii dhaban. Hojii Diplomasy qaamota wal lolani gidduutti gaggeeffameen mootummaan barcuma haasawaa nagaatti dhihaachuuf dirqame. Haasawaa nagaa marsaa lamaaf gaggeeffameen akkeeki fi fedhiin saba Oromoo maal akka fakkaatuu fi furmaati waaraanis bifa itti dhufuu dandahu mootummaafis ta’e qaama hawaasa idil-addunyaaf hubannaan gahaa kenname.
Mootummaan humna isaa guddisee waan ilaalee fi humna qofaatti amanu waan ta’eef dararaa saba keenya irraa dhaabuuf hireen jirtu cufamte.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Golee Oromiyaa mara keessatti injifannoolee hedduu galmeesse. Mootummaan karoora Hogganaa fi Waraana gargar baaseen tarkaanfii fudhadheen WBO dhabamsiisa jedhee karoorfates galma gahuu hin dandeenye. Inumaayyuu xiiqiidhaan kan duraani irra daran WBOn tarkaanfii isaa jabeessee itti fufe. Lolli isaa Shaggar (Dirree Hincinnii, Miyo, Tullu Boolloo, Tole, Sadan Soddoo, Taji, Abeebee, Darraa, Gabra Gurraacha, Warra Jaarsoo, Hambisoo; Ada’aa Bargaa, Shukutee, Jalduu, Boosatt); Gujii (Galaan, Dugdaa Dawaa, Bulee Horaa, Sabbaa Boruu); Wallagga (Mandii, Dambidoolloo, Gimbii, Sasiggaa, Anfillo, Gawoo Qeebbee, Kombolcha, Daduu, Gabatee, Waatiyoo ); Baale (Gobba, Barbaree, Diinshoo ); Arsii (Heban, Martii, Sirkaa, Aseko); Buunoo Baddallee (Makko, Dabio); Boorana (Moyyaale, ); Harargee (Ciroo, ); Walloo (Kamisee), keessatti tarkaanfiileen fudhatamanii injifannooleen gurguddoo galmeeffamanii jiru.
Gama ijaarsaan Oromoon biyya ambaa keessa jiru qabsoo isaa gargaaruuf gulantaa gulantaan wal ijaaree sosso’uun hojii nama boonsu ta’ee jira. Haga ammaatti sadarkaa idil-addunyaatti, Godinoota Awurooppaa, Kanaadaa, USA, Awustraaliyaa, Eeshiyaa fi Giddu Gala Baha, fi Afrikaa ijaaramanii jiru. Godinoota kana jalattis Gamtaaleen 19 ijaaramanii jiru. Gamtaalee 19 jalatti ammoo Gurmuuleen 40 ijaaruun hojii Ebla 13, 2023 irraa eegalmee hojjetamee fi injifannoo boonsaa argame dha.
Jaarmayaan kun gaafatama dinagdee walitti qabuu, diplomasy hawaasummaa hojjechuu, hojii ijaarsaa fi siyaasaa jajjabeessuu, hojii media fi sabquunnamtii cimsuu, fi hojiilee hojjetaman sirnaan taliigamuu isaanii tohachuu irratti kan fuulleffate dha. Qajeelfamas dirree irraa fudhatee kan gaggeessuu fi haal duree tokko malee kan WBO gargaaruu fi deeggaru dha.
Warri inijfannoolee ABO-WBOtti inaafan diinnii fi farreen keessaa hojii ABO-WBO gufachiisuuf dhama’anis itti hin milkoofne. Diinni ilmaan Oromoo ajjeesuun jiilchuuf yakka isaa ofi irratti guddisaa jiraachuu argaa jirra. Yakki sanyii duguggaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru galmee seenaa keessatti galmaawaa kan jiru yoo tahu guyyaan ittiin gaafataman dhufuufis akka jiru hubachiisuu feena.
Ilmaan Oromoo dirree lolaa isa hin ilaallanneetti oofamee akka baalaa harca’aa jiruuf namni dubbachuu dhibuun rakkoo guddaa dha, yakki kan dagaagu sababa yakkamaan jabina qabaateef osoo hin taane sababa callisa warra yakka osoo arguu bira darbeef.
Haa ta’uutii gama keenyaan duula lolaa fi ololaa humnooti diinaa fi farreenii ABOWBO irratti gaggeeffame mara fashalsinee diina qaanfachiisnee ilmaan Oromoo ammoo boquu ol qabeerra. Diina nu dhabamsiisuuf nutti bobbaafamtes haleellee Allaattii Oromiyaa ittiin soorreerra. Diinnni QBO laaffisuu fi WBOn haa hiikkatu ykn dhabamuu qaba jettee bobbaa lolaa fi olola irra turte maras fashalsuun tarkaanfii haleellaa fudhachaa, loltuu weerartuu sadarkaa Birgaader Jeneral irra jiru dabalatee weerartuu kumootaan lakkaahaman haleeluun Oromoo gammachiisuun injifannoolee gama Waraanaan bara 2023 galmeessine dha. Gama siyaasaanis bara 2023 keessa diinni qabsoo Oromoo fi WBO dhabamsiisuuf olola guddaa maqaa ‘shororkeessaa, shiftaa fi shanee’ jedhuun kan nu irratti gaggeesse tahullee, hojii diplomasy cimaa, jabina gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo fi qaroomina uummata Oromoo guddeessaan fashaleera. Barri kun bara WBO fi uummata Oromoo wal keessa seenee, wal hubatee fi wal dhaggeeffatee maadhee diinaa itti diige dha jechuun dandahama.
Haala kanaan ilmaan Oromoo marti wal jabeessuun miidhaa diini WBO, Qeerroo fi ummata Oromoo irraan gahaa jiru kana waliin qolachuuf gaafatamni kan hunda keenyaa tahuu ajajaan ol’aanaa ABO-WBOn ammas irra deebi’ee yaadachiisa. ABO-WBOn haqa Oromoo harka Oromootti galchuuf uummata isaa akkanni dammaqee roga hundaan qabsaa’uus waamicha dabarsa. Furmaatni rakkoo siyaasaa Impaayera Itophiyaa hudhee jiru nam-tokkee ykn gartuu tokko aangoo irratti tiksuu fi jijjiirama suphaan kan hin argamne tahuus ajajaan ol’aanaa ABO-WBOn irra deebi’ee hubachiisaa.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ajajaa ol’aanaa ABO-WBO Muddee 31, 2023

Eergama Waqtaatwaaf barbaachisaadha.Oggannii olaanaaf oggantoonnii ABO -WBO hunduu akkasumas miseenssonnii waraanichaa martinuu baga nagaan bara haaraa 2024 geessan. Isin jaallanna,isiin kabajina. !!!