• Sun. Aug 30th, 2026

WBOn Baha Shaggar Cibraan Boosat Fantallee humna waraanaa haaraa Eebbisiise

Jan 6, 2024

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Jaarmiyaan ABO-WBO qabsoo uummata Oromoo bifa haaraan akeekaa fi kaayyoo ganamaa qabatee akka galii isaa ga’uuf hojii jabduu dirqama sabaa ofitti fudhatee erga socho’uu eegalee ilmaan Oromoo saba isaaniif ofi kennan gammoojjii hanga funyaan Finfinnee jalatti leenjisuun murna bilxiginnaa akeeka sirna moofaa galmaan ga’uuf deemu dura afaan qawween dhaabbachaa jira.

Akka kanaanis WBOn Baha Shaggar Cibraan Boosat Fantaallee guyyaa har’aa Amajjii 6, 2024 kaadhimtoota Waraana Bilisummaa Oromoo tooftaa waraanaa fi siyaasaa kennaafii ture sirna hoo’aan eebbisiisee jira.

Leenjifamtootaaf barnootni dirree, ga’umsa qaamaa fi tooftaa waraanaa yeroo waliin deemu akkasumas caayaatti barruullee Waraanni Bilisummaa Oromoo baratu cufa barachuun uummata isaanii keessatti sabboonummaa dagaagsuun qabsoo abbaa biyyummaaf sabichi akka jabaatu gochuuf; akkasumas diina irraa qolatee bilisummaa gonfachiisuuf akka hojjetaniif ga’oomse guyyaa kanatti  bobbaaseera.

Eebba kana irratti kan argaman qondaaltonni WBO Cibraa Boosat Fantaallees eebbifamtootaaf rakkoo Oromoon keessa jiru kaasuufiin, kun ammoo qabsoo hidhannoo jabeessuun malee furmaata hin argatu erga jedhaniin booda, warreen har’a eebbifamtan dirqama jabaa kanaaf ba’aa waan jirtaniif diina keessaniif araarama hin qabaatinaa jedhan.

Ittuma dabaluun qabsoon Oromoo akka oli hin baaneef balleessuuf hedduu yaalanis sana hunda irra dabarree humna impaayerattiif yaaddessaa ta’uu irraa waan geenyeef, osoodhuma badaniiru nuun jedhanii funyaan Finfinnee jalatti eebbisiisne, fuulduras qeerroo fi qarree Oromoo ofitti fudhannee leenjisuun diina irratti ni bobbaasna jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading