• Sun. Aug 30th, 2026

Af-gaaffii Abiy Ahmed OBN Waliin Taasise Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Aug 8, 2026

Af-gaaffiin Abiy Ahmed tibbana miidiyaa naannichaa OBN waliin taasisee fi kan guyyaa kaleessaa qillensa irra oole irraa maal hubanne: Af-gaafichi eenyummaa Abiy Ahmed, akkataa itti Oromoofi qabsoo isaa ilaalu, beekumsaafi xinsammuu nama kana waan hedduu saaxile. Sana keessaa muraasa qofa irratti xiyyeeffanna. Kaan yeroo barbaachisetti itti deebina.

  1. Dinni Dantaa Oromoo inni jalqabaa Abiy Ahmed ta’uu nuu mirkaneesse

Ergaan ijoon inni af-gaaffii kana irratti himate keessaa tokko “Oromoon guutummaa guutuutti bilisoomeera” kan jedhu ture. Maal jechuu isaati? Abiy Ahmediif bilisummaan Oromoo maali?

a) Haala qabatamaa Oromiyaa har’aa waliin: Abiy Ahmediif, Oromoo ajjeesani reenfa ilmaan isaa harreetti fe’uutu bilisummaa dha. Abbootii Gadaa Oromoo ajaja kallattiin ajjeesanii dhugaa isaaniitti baacuutu bilisummaa dha. Shiftaa ummata saamu ijaaranii qe’ee Oromootti boobbaasuutu bilisummaa isaa mul’isa. Ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan mana hidhaatti dararuutu bilisummaa dha. “TPLF Tigraay keessaa partilee hunda dhabamsiise akkuma bulche, nutis Oromiyaa keessaa partilee mara balleessineet bulchina” jedhanii, lubbuun jiraachuu Oromoo Bilxiginnaa ala jiruu yakka gochuutu bilisummaa Oromooti. Ifatti “Qurxummii (WBO) loluuf dhama’uurra galaanicha (ummata Oromoo) gogsuu qabna” jedhanii Oromorratti sanyii duguuggaa raawwachuutu, bilisummaa Oromooti.

Qabeenya Oromoo waraanaafi ‘biliclicii’ magaalotaa irratti dhangalasuun, qotee bulaa fi hojjetoota mootummaa dur of danda’an hiyyoomsuutu, bilisuummaa Oromooti. Meeshaa ittiin Oromoo ajjeesan bitachuuf, walabummaa dinagdee IMF fi Baankii addunyaaf dabarsanii kennuutu bilisuummaa Oromooti.

Bilisummaan siif malu kana. Haala qabatamaa amma keessa jirtutu bilisummaa dha. Waanti siif malus kanuma; kanatu gita keeti; gatiin qabsoo kee bara dhibbaa kanuma jechuun guduunfe Abiy Ahmed. Kana caalaa diinummaan jiraa, yaa jamaa? Gabaabumatti, af-gaffichi, har’atti diinni dantaa Oromoo inni hangafni Abiy Ahmedi waan jechaa turre guutummaatti mirkaneesse.

b) Tokkummaa Oromoo waliin: Abiy tokkumaa Oromoo diiguuf waan hunda akka yaale WBOn duruma hubate. Abiy Ahmedis ofii isaa erga ifatti dubbatee bubbuleera. Gaafa ifatti “karaan ani aangootti dhufeen, ammaa booda aangootti dhufuun hin danda’amu” jedhe sana mirkaneesse. Isa kan aangootti fide tokkummaa Qeerroo Oromooti. Qeerroo Oromoo Moyaalee, Cinaaqsanii fi Gidaamiitu, Finfinneef tokkummaan wareegamee jijjiirama fide. “Karaa inni itti aangootti darbuu dand’een jijjiramni biraa hin dhufu” jechuun Abiy Ahmed, tokkummaa sana diigeera; mancaasee balleessera; abdii kutadhaa taa’aa, jechuu isaa ture.

Af-gaaffiin kaleessaan kanuma mirkaneesse. «Shawaa kibba Lixaa fi Shawaa Lixaa akka ummata biyya lamaatti akka wal ilaalan godheera» jedhe. Mandara illee seenee, «gandoota magaalaa Amboo Awwaaroo fi Waddeessa addaan ciccireera» jedheera. Ilaalcha «Golaan» Oromiyaa adda bittinsuuf maqaa «marii biyyoolessaan» as baasan duuba maaltu akka jiru ifatti bulga’e.

Tokkumma Oromoo isa aangootti baase, bittinseera jedhanii dhaaddachuu caalaa diinummaan jiraaree?

c) Tuffii fi jibba Oromoof qabu: Irra deddeebiin “Oromoon biyya bulchuu hin danda’u nuun jedhu” jechaa ture. Sun waan ormi jedhu qofi miti. Amantii Abiy Ahmedi akka ta’e mirkana. Hogganni hamii ormaa jijjiiruu barbaadu, hojii qabatamaan qaajja’a ormaa laamshessa malee, arraba ormaa irrra deddeebi’ee saba hin arrabsu. Yaadota Oromoo xiqqeessan kan irra deddeebi’u inni ofii waan itti amanuufi.

Tuffiin biraan gootota Oromoo yeroo nuu filuu yaalu sana. Oromoon namoota dhuunfaa sirna gita bittaa alagaaf meeshaa ta’an akka gootaatti fudhachuu qaba jedha Abiy Ahmed. Oromoof gootni malu gantuu dha jechuu isaati. Gootummaan Oromoo alagaaf hojjeechuu qofa jechuu isaati. Kunis diinummaa nama kana mirkaneessa.

Gootonni Oromoo namoota sirna gita bittaa alagaa tajaajile osoo hin taane, faallaa isaa warra tajaajiluu dide, kana akka Generaal Taaddasaa Birruti fi Maammo Mazammiri. Warraaqxota akka Waaqoo Guutuuti. Gootonni Oromoo beektota jaarmiyaa gadi dhaaban kan akka Baaroo Tumsaafi Magarsaa Bariiti. Gootonni Oromo, kan maqaan hin dhahamiin, kumaa kitilaan lubbuufi bara isaanii bilisummaa saba isaanif warra keennani.

  1. Sodaan 4-kilo dhuunfachu ishee

Af-gaffii kana irraa wanti ifaan calaqqise biraan sodaan lafee Abiy Ahmed seenu isheeti. Af-gaffichayyuu kana dhale sodaa dha. Kaayyoon isaas ifa. Waggoota muraasa dura humna Amaaraa qabateet Oromoo fi Tigray irratti duula sanyii duguuggaa taasise. Amma humni kaabaa lachuu harkaa baatee, diina taateetti. Kanaaf lubbuufi lafee Oromootiin barcuma ofii tikfachuuf yaaluutu af-gaaffii kana fide.

Abiy Ahmed ofuma isaa dhufuun, karaa kaadiree naannoo Oromiyaa yaaliin Oromoo of jala hiriirsuuf godhame kufuu agarsiisa. Kanaf ofumaa qola ofiirraa quncisee, waggoota jahaa booda Afaan Oromoon af-gaaffii gochuu dhufe. Carraa kanaan, soba Oromoo burjaajjessuuf tuulame hordofanii cicciruu keessatti gahee beektonni fi humnooti siyaasaa Oromoo taphataniif beekkamtii kennuun barbaachisaa dha. Hojii seena-qabeessa saba keessan oolchuu cimsitanii itti fufuun gaafama seenaan nurra kaa’e ta’uus irra deebinee yaadachiifna.

Af-gaafficha keessatii dhimmooti muurasi Abiy aantummaa Oromoo akka qabu fakkeeffachuufis kaases turani. Fakkeenyaaf, “Baarentuu gara kaabaa” fi “Bokkuu Siidaa Aksum” laaluu dandeenya. Dhimmotuma aantummaa Oromoo fakkeeffachuuf kaafaman kanallee yoo ilaalle, Abiy sodaafi raafama keessaa bahuuf ‘Oromoon qalmaaf naaf haa dhiyaatu’ jechuu isaa qofa argina. Himati kun otoo aantummaa Oromoo irraa kan dhufe ta’ee, dur kaafama ture. Amma sodaan gama kaabaa waan morma hudheef, Oromoon “lafan achii qaba jedhee,” saboota kaan waliin akka walitti bu’uu fi barcuma Abiy tiksuuf qoraan akka ta’u qofaaf yaadamee himame. Boru iftaan, nama hunda dursee, “Oromoon hammataa dha, waan hunda kan kooti jechuun itti hin jiru” kan jedhu Abiyyi Ahmed akka ta’e sirriitti beekna.

  1. Wallaalummaa Abiy Ahmed

Af-gaaffii kanarraa dhimmi ifatti mul’ate biraan wallaalummaafi dheedhummaa Abiy Ahmedi. Sobuufi fakkeessuu, gaararrummaafi maxxantuummaa beekumsa jedhee akka fudhatu irra deebiin agarsiise. Ganna afur dura, dantaa saba kaaniis akkasuma dhikkifatee balballoomsaa akka ture waan daganne itti fakkaata. Gaararruummaan, hirkatummaanii fi maxxantummaan akka qajeeltoo bulchiisa Abiy Ahmedittiifi akka beekumsa jabaatti yeroo dhiyaatan argine.

Seenaan Abiy Ahmed kaasee haasa’uus hedduun isaa kan ragaatiin hin deeggaramnefi oduu mandaraati. “Dhugaan ilma Waaqaati” jedha Oromoon. Oromoon dhugaa ofii barbaada; dhugaa namaas ni galcha. Akkasiin saba bal’aa ta’e. Af-gaafichi garuu soba saboota walitti buusuufi Abiy Ahmediin qabsaa’aa Oromoo fakkeessee dhiyeessu qofa ture. Doofummaan gama kanaanis callaqise ifa. Gaafa “qabsoon Oromoo, Oromoo xiqqqeessee mandaratti galche” jedhu sana, Oromoo deebisee nan barbaada hin seene. Yeros ormatu jala fiiga. Akka hubanna isaatti yeroo sana Oromoo deebi’ee akka hin kaanetti cabseeera. Amma erga aduun dhiitee qabsoo Oromoo jala dhokachuu yaaluun hagam yadi Abiy Ahmed funyaan isaa jalaa akka bane irra deebiin mirkaneesse.

Doofummaan inni kaan tooftaan siyaasaa takkaa hojjete yeroo hunda irra deebi’e hojjeta jedhee yaaduu isaati. Saba tokko qabatanii kaan rukutuun, tokko cabsanii kan biraatti garagaluun daangaa umamaa (natural limit) mataa isaa qaba. Toftaa fagootti mul’atu (predictable ta’een) hanga dhumatti barcuma tikfachuu nan danda’a jedhanii yaaduun wallaalummaa daangaa darbe.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Hagayya 8, 2026
#Oromiyaa #Ethiopia

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading