• Tue. Oct 13th, 2026

Dhimmoota Yeroo Irratti Ibsa Waraana Bilisummaa Oromoo irraa Kenname (Ibsa ABO-WBO)

Sep 17, 2026

Wallagga: Akkuma waggota lamaan darban irra deddeebiin ibsaa turre, humni “Fannoo Wallaggaa” ofiin jechuun Wallagga keessa socho’u, humna badiinsaa Oromoo ajjeesuun beekamu, kan Bilxiginnaan ijaartee, hidhachiiftee Oromoorratti gadhiifte ta’uu ammas irra deebinee mirkaneessina. Gareen kun hanga waraanni naannoo Amaaraa eegalutti, ifaan qaama milishaa Bilxiginnaa ture. Waraanni naanno Amaaraa erga eegalee booda, milishaa Bilxiginnaa keessaa baafame.

Bilxiginnaan garuu garee badii kana gargaaruu hin dhiifne. Humnoota Oromiyaa meeshaa hidhachiiftee garee kanatti erga bobbaaftee booda, dhukaasa otoo hin baniin humnoonni Oromiyaa meeshaa isaanii garee kanaaf dhiisanii duubatti akka baqatan ajajaa turte. Akkasumas odeeffannoo keessaa dabasitee kennuun, gareen kun qarshii fi meeshaa waraanaa akka saamu gargaaraa turte. Kana sababa lamaaf gooti.

Tokko, gareen kun ilmaan Oromoo akka ajjeesu, qe’ee Oromoo akka mancaasu dhaabattee ilaalti yookan al-kallattiin ajaja dabarsiti. Du’aa fi manca’auu Oromoo kanammoo, Oromoon wareegamee akka barcuma ishee tiksuuf itt gargaaramuu barbaaddi. Lammata, ummanni fi humnooti saboota lamaanii wal qoccoluu dhiisanii, Bilxiginnaa irratti akka hin xiyyeeffanneef, marammartoo wal fixuu fi gumaa baafannaa keessa akka jiraatu barbaaddi.

Otoo Bilxiginnaan harka irra qabuu baattee, gareen farra Oromoo fi kan gargaarsa kamuu Oromoo irraa hin arganne, uummata keenya gidduu jiraachuu hin danda’u ture.

Faannoon laga gamaa, kaayyoo Bilxiginnaa kana otoo sirnaan hin xiinxaliin, humna hidhatee fi afaan ishee dubbatu ta’uu isa qofa argitee waliin dhaabachuu filatte. Kun doggoggora siyaasaa guddaa, kan WBO biratti fudhatama tokkollee hin qabne dha.

Tsimdoo: Gamtaa Tsimdoo jedhamu ilaalchisee wanti afuurfamu hedduun dhugaa irraa waan fagaate. WBOn gamtaa Tsimdoo jedhamu keessa hin jiru, dhimma kanas itti dhiyeenyaan hin hordofu.

Haa ta’utii, wal-ta’insi humnota Bilxiginnaa mormanii kan WBOn qooda keessaa qabuu fi kan humnoota biyyattii baha hanga dhihattii fi kaabaa hanga kibbaatti hirmaachise, marii gara xumuraa irra gahee jira. Wal-ta’insi kun dhimmoota lama irratti hundaa’e. Tokko, humnooti Bilxiginnaa lolan wal qocollaa bukkee dhiisanii qaama ummattoota keenya balleessuuf dhama’u irratti akka fulleffatanii fi lammaffaa, waltajjii mootummaa cehumsaa kan gaaffileen ummatoota biyyattii hunduu, hirmaannaa kallattii ummatotaatiin itti furaman, qopheessuu dha. Wal-ta’insi kun wal ta’insa dubbi ijoo siyaasaa (substantive political questions) osoo hin taane, wal ta’insa deemsaa (procedural consensus) dha.

Ummata Sivilii hidhachiisuu Bilxiginnaa: Ummanni keenya balaa kamirrayyuu of ittisuuf hidhachuun mirga isaati. Haa ta’utii, deemsi Bilxiginnaa Oromoon balaa isatti dhufe akka ofirraa ittisuuf otoo hin taane, saboboota lamaafi. Tokko, Oromoon barcuma ishee tiksuuf akka qoraan ta’uuf bal’inaan hojjechaa jirti. Yaaliin Bilxiginnaa hunduu Oromoo jala dhokachuudha. Ummanni keenya of haa ittisu. Bilxiginnaan of dandeessee haa loltu. Lammata, yakkoota waggootan saddet darban hojjette ummata keenya irratti haqachuuf yaalaa jiraachuu argaa jirra. Kana hubachuun ummanni keenya maatii fi qe’ee ofii ittisuu bira darbee Bilxiginnaa waliin dhaabbachuun barcuma kufaa jiru tiksuuf aarsaa diinaaf kaffaluu akkasumas yakka Bilxiginnaa ofitti fudhachuu ta’uu hubachuun, walta’insa waraana isaa, WBO, waliin qabu jabeessee akka itti fufu dhaamna.

Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Fulbaana 17, 2026
#Oromia #Ethiopia

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading