Ilfinash Qannoo—Haadha Qabsoo—boqottee jirti. Waraanni Bilisummaa Oromoo saba keenyaaf, qabsaa’ota maraafi maatii isheef jajjabina hawwina.
Ilfinesh artisitii qofaa hin turre. Kuusaa yaadannoo artii fi qabsoo Oromoo turte. Qooda shamarran Oromoo, Qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti qabaachuu malaniif fakkeenya guddaa taate jiraatte. Geerarsaafi yeedalloo isheetiin hawwii kabajaafi bilisummaan jiraachuu baadiyyaa Oromiyaa irraa hanga warraaqsi Qabsoo Bilisummaa Oromoo ishee geesse hundumaatti calaqqisiisaa bara ishee fixxe.
Kana gochuu isheetiin qofa gatii hedduu baafte. Oromiyaa irraa hanga biyya hambaatti wareegama qabsoon gaafatu hunda kaffalaa jiraatte. Yeroo dhihoo, dhukkubaafi dadhabiii keessa illee Qabsoo Bilisummaa biraa hin hafne. Lafa gaadidduun ishee qaqqabe hundumaatti dhiibbaa gaarii qabaachaa itti fufte. WBO waliiniis hanga dhumaatti “WBO humni mo’achuu danda’u hin jiru” jechaa boqotte.
Ilfinesh calaqqee Qabsoo Bilisummaati. Haadha Oromoo, kan afaan, aadaa, seenaanii fi kabajni isaa akka eegamu fakkeenyummaa guddaan bara ishee guutuu dhamaate.
Boqochuun Ilfinash Qannoo Artiistoota Oromoo gurguddoo kan waggoota muraasa dura dhabne lama; Artiist Alii Birraa, abbaa Artii Oromoo kan hammayyaa, fi Hacaaluu Hundeessaa, kan aartii fi aadaa Oromoo dhaaloota haaraa itti hubachiisee, kakaasee sossoosuu keessatti sagalee dhaloota haaraa ta’e nu yaadachiisa.
Boqochuun Ilfinesh Qannoo fi artiitoota keenyaa waamichaa fi itti gaafatamummaa guddaa nurra kaaha. Gama tokkoon qaanqee isaan qabsiisan, fakkeenyummaa guddaa kan uummata guddeessaa fi shamarraan Oromoo bal’inaan bifa himaachiseen akka galmaan gahuu; gama biraan immoo hojii aartii isaanii tiksanii seenaaf dabasuuf dirqama ofitti fudhachuu nu gaafata. Kanaaf, Yuunivarsiitiiwwan, kuusaawwan, fi dhaabbileen aadaa waraabbii isaanii, suur-sagalee, seenaa isaanii akka kunuunsan waamicha goona. Isaan yaadachuun qofti gahaa miti. Waadaa isaanii fi bu’aa hojii isaanii tiksuu fi kunuunsuu qofatu yaadannoo isaaniif malu ta’a.
Boqochuun Ilfinesh fi Artiisoota keenyaa waamicha dhalootaati. Waamicha hojii isaanii yaadachuu, dhaala isaanii kunuunsuu fi waan isaan dhalootaaf dabarsan akka bara baraan dhalootatti darbu dhiyaate dha.
Ilfinash Qannoo nagaan haa boqottu. Yaadannoon, hojiin, seenaa fi gumaachi ishee bara baraan haa jiraatu. Sabni yaadannoo isaa kunuunsu eenyummaa isaa tikfata; eenyummaa ofii tikfachuun ammoo egeree ofii tikfachuu dha.
Ajaja Olaanaa ABO-WBO
Fulbaana 6, 2026
#Oromia #Ethiopia
