ONM-ABO Amajjii 3, 2024
Murni maafi’aan humna waraanaa irratti rarra’ee hojjechaa jiru bilxiginnaan ajjeechaa lammiilee nagaa irratti raawwatuun cinaatti lammiileen impaayerattii sabaan wal qoodanii akka wal waraananiif piroojektii dheeraa hojjechaa ture itti fufee jira.
Haala kanaanis walakkeessa baatii Muddee irraa qabuun Yuuniversitii Dambii Doolloo jeeqaa kan jiran waraanni Abiy Ahimed barattoota Oromoo fi barsiisota Yuuniversitichaa butanii achi buutee erga dhabamsiisanii booda har’a Amajjii 3 ammoo barattoota Amaaraa lama mooraa Yuuniversitii Dambii Doolloo seenuun qabanii erga ba’aniin booda galgala kana tokko ajjeesuun tokko madeessanii gatuun barameera.
Barattootni kun maqaa isaanii Wandee kan jedhamu dippaartimentii faarmaasii irraa madoo hamaa, Warquu kan jedhamu HO waggaa arfaffaa ammoo kan du’e yoo ta’u, yeroo gabaasni kun qindaa’etti reeffii fi madoon barattoota kanneenii hawaasaan kaafamee hospitaala Dambii Doolloo galee jiraachuun barameera.
Mooraan Yuuniversitii Dambii Doolloo humnoota waraana bilxiginnaa kanneen milishoota gandaa ta’an osoo hin hafne akka fedhanitti gaaffii tokko malee seenanii barattoota qabuun hidhaa fi achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u sababa kanaanis barattootni barnoota dhaabanii mormii irra turuu fi dhiisanii galaa akka turan gabaasnee turre.
Barattootaa fi barsiisota hidhanii mooraa barnotaa jeequu kan hin dandeenyee fi barattootni sabaan osoo wal hin qoodne tokkummaan dura dhaabbatanii sagalee warreen qabamaniif ta’uun hanga guyyaa qormaataa sagantaa jijjiirsisanitti tokkummaan hojjetanis, tokkummaan barattootaa kan isaaniif hin taane faashistootni Abiy Ahimed barattoota Oromoo fi Amaaraa walitti buusuun jeequmsaa fi gaagamni lubbuu akka uumamuuf hojii eegalee jiraachuu kun ragaa dha.
Kanaaf barattootni mooraa Yuuniversitii Dambii Doolloo tokkummaan mormii sirnicha irratti eegaltan akka itti fuftanii fi barattootni Oromoo mooraa Yuuniversitiilee biroo sababa gocha murna bilxiginnaa kanaan miidhaan akka isin irra hin geenyeef tokkummaan wal cinaa dhaabbachuu fi barattoota saboota biroo waliin quba akka wal qabaattan jechuun dhaamsa kan dhaammatan barattoota Oromoo Yuuniversitii Dambii Doollooti.

