• Wed. Jan 14th, 2026

Finfinnee bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Buraayyuu Keessatti ilmaan Oromoo ukkaamsuun dhabamsiisuun himame

Jan 13, 2024

ONM-ABO Amajjii 13, 2024

Yakkoota hamaa ilmaan Oromoo irratti adeemsisuun murni bilxiginnaa yeroo ammaa bakkoota hundaattii barattoota,qote-bultoota, daldaltootaa fi barsiisota, akkasuma maanguddoota waraana itti bobbaasuun ukkaamsanii hidhuu, mooraa leenjiitti erguu fi ajjeesuu irratti argamu

Bifuma kanaanis Amajjii 10, 2024 dargaggoo maqaan isaa Iyyaasuu Mulgeetaa jedhamu dhalootaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Ashii kan ta’e,yeroo ammaa ammoo jiraataa bulchiinsa magaalaa Shaggar Siitii aanaa Buraayyuu iddoo addaa Dirree Gafarsaa jiraachaa kan ture yakka tokko malee waraana gabroomsaa PPn butamee hanga gabaasni kun qindaayetti eessa buutee dhabamee jiraachuutu himama

Dhiibbaan mirgoota namoomaa yeroo ammaa jiraattota magaalaa Finfinnee guutuu irratti lagaaf gandaan qoodinsi karaa murna PP irra ga’aa akka jiru kan dubbatamu,namoota barnootaa fi hojiilee dhuunfaa adda addaa hojjechuun magaalaa Finfinnee jiraataan humnootni Abiy Ahimed bobbaasuu qabuun dhabamsiisuu irratti argamaa jiaachuu jiraattotni dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading