• Thu. Mar 19th, 2026

Lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti hammaachuu maddeen aanichaa ONMtti himan

Jan 17, 2024

ONM-ABO Amajjii 17, 2024

Lolli Waraana Bilisummaa Oromoon bilxiginnaa irratti adeemaa jiru daraan kan isaan yaaddessee yoo ta’u, yeroo ammaas naasuu jabaa keessa seenuun waan qabaniif dhiisan wallaaluun, namoota shakkan mana hidhaatti jumlaan guuranii dararaa jiru.

Aanaalee lixa Wallaggaa keessaa aanaan Qondaalaa fi Begii baatiilee darban keessa dhukkuba busaan uummata rakkachaa turan yoo ta’u sirni har’a jumlaan ajjeechaa fi hidhaa irratti raawwachaa jiru kun kaleessaa qoricha dhiheessuu fi diduun hawaasni hedduun du’aaf kan saaxilaman yoo ta’u uummata dhukkuba irraa hafan ammoo har’a ajjeechaa jumlaa fi hidhaa irratti raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan aanaa Qondaalaa ganda Carbaa keessatti torban darbe irraa kaasuun namoota jumlaan mana hidhaatti funaanaa jiraachuu jiraattonni himuun,isaan keessaa kan maqaa arganne Cammiree Guddinaa, Garbuu Qees Taarraqaa, B/saa Isaayyaas Masarat, Yohaanis Jigsaa, Tuushaa Qixxeesaa, Roobaa Tuushaa, Hamzaa Jibriil, Aadam Shee Isaa, Habiib Jibriil, Allamiin Abdullaayi fi namoonni maqaan isaanii nun geenye torbatamaa ol hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu himan.

Hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu kun guyyaa irraa gara guyyaatti dabalaa deemuu ibsuun uummanni aanichaas gidiraa hamaa keessummeessaa jiraachuus ibsu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading