• Sun. Mar 29th, 2026

Miseensotni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa 2 ona Anfilloo mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Seertum fi magaalaa Muggii irraa miliquun WBO tti makaman

Jan 19, 2024

ONM-ABO Amajjii 19, 2024

Murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo humnaa fi goyyoomsaan guuree adda waraanaatti ergaa kan ture yoo ta’u, ilmaan Oromoo humnaan qabaman kunneenis fedhii isaanii malee waan qabamaniif akkasuma sirnichi gocha badii uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru waan arganiif guyyaa guyyaan sirna dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiru kana keessaa ba’uun WBOtti makamanii saba isaanii garbummaa jalaa baasuu irratti argamu.

Akka loltootni ona Anfilloo mooraa waraanaa bulchiinsa magaalaa Muggii fi Seertum irraa miliquun ba’aan kun himanitti, bakka kamittuu kan jibbamuu fi ajjeefamu ilmaan Oromooti, mirga gaaffii gaafachuu fi yaada dhiyeessuu nu hanqisuun, yaada tokkoyyuu yoo kaafne ajjeechaa fi hidhaa nurratti raawwatu jechuun dubbatu.

Akkasuma namoota nagaa irratti ajjeechaan raawwatamaa jiru daran nu aarseera kan jedhan loltootni kunneen, namni kun nama nagaadha maalif ajjeeftu jennee wayita gaafannus Waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii ajjeechaa irratti raawwatu akkasumas isinumti mataan keessanuu deeggartoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii hidhaa hanga ajjeechaa nurratti raawwachaa jirus jedhan.

Loltootni kunneenis qawwee AKM turkii 2, rasaasa 400, boombii harkaa 4 fi hidhannoo waraanaa lama mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhanii jiru.

Karaa Waraana Bilisummaa Oromoo bakkichaatiinis simannaa ho’aan kan taasifameef yoo ta’u, ilmaan Oromoo sabaan Oromoo taatanii dhugaa jiru osoo beektanii saba keessan miidhaa jirtan maal akka gochaa jirtan dhaabadhaa of ilaala, yeroon kun yeroo itti saba ofii bira dhaabbatan malee saba ofii miidhan miti, kanaaf qabsoo WBOn geggeessaa jirutti dabalamaatii saba keessanitti dhukaasuu irra saba keessaniif dhukaasaa jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading