• Wed. Sep 23rd, 2026

Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa Yukireeniif paakeejii deeggarsa Yuuroo biiliyoona 50 murteessaniif

Feb 1, 2024

ONM-ABO Guraandhala 1, 2024

Hoggantoonni Awurooppaa 27 hundinuu Yukireeniif paakeejii gargaarsaa Yuuroo biiliyoona 50 (Doolaara biiliyoona 55 ) irratti waliigaluu isaanii Pirezidaantiin Mana Maree Awurooppaa Chaarlis Misheel himaniiru.

“Waliigaltee qabna,” jechuun Obbo Misheel fuula X, duraan Twitter irratti barreessaniiru.

Waliigaltichi “Ukireenif maallaqa dhaabbataa, yeroo dheeraa, tilmaamamuu danda’u cufa” jedhan.
Muummichi ministeeraa Haangaarii Viktor Orbaan akkuma kanaan dura walgahii Awurooppaa Muddee darbe gaggeeffame irratti godhan paakeejii gargaarsaa kana ugguruu sodaan jedhu tureera.

Mr Orbaan imaammata Gamtaa Awurooppaa Yukireen irratti qabu irra deebi’anii akka ilaalamu dirqisiisuu akka barbaadan ibsuun waggoota afran dhufaniif Yukireen maallaqaan gargaaruuf waadaa galuu yaada jedhu irratti gaaffii kaasaniiru.

Maddeen dippilomaasii Rooyitarsiif akka himanitti walii galteen haaraan kun waggaa waggaan paakeejii kana irratti marii taasisuu fi filannoo waggaa lama booda, “yoo barbaachise” gamaaggamuu kan of keessatti hammatedha.

Mr Orbaan waggaa waggaan paakeejicha irratti sagalee akka kennamu dhiibaa kan turan yoo ta’u, kun waliigaltee kana waggaa waggaan doorsisa sagalee sagaleen kuffisuu Haangaarii irraa dhufuuf akka saaxilu sodaan tureera.

Murtee kana ilaalchisuun “Guyyaa gaarii Awurooppaaf,” jechuun pirezidaantiin Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen fuula X irratti dubbataniiru.

Pireezidaantiin Yukireen Volodymyr Zelensky hoggantoota Gamtaa Awurooppaatiif ”galata” akka qaban ibsuun, murteen kun hoggantoota 27 hundaan akka fudhatame ibsaniiru.

Muummichi ministeeraa Poolaandi Doonaald Tusk, kan Obbo Orbaan “tapha ajaa’ibaa fi of tuulummaa” jedhee waamu irratti qeeqa guddaa kan kennan, X irratti akkas jechuun maxxanseera: “Viktor Orban ‘amansiifamuu danda’a’.” .. Mee itti haa ceenu” jechuu isaanii BBC gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading