• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa aannaa Sayyoo keessatti dargaggeessi tokko loltoota PP’n ajjeefame

Feb 5, 2024

ONM- ABO Guraandhala 5, 2024

Duulli ajjeechaa dargaggoota Oromoo irratti raawwatamaa jiru hammaachuun, Lixa Oromiyaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Alakuu Bellee bakka addaa Qallii jedhamutti dargaggeessi Oromoo maqaan isaa Ifaa Yaadasaa jedhamu Dheengadda Muddee 3, 2024 loltoota bilxiginnaan ajjeefamuun beekame.

Dargaggeessi kun barataa kutaa 10ffaa yoo ta’u, nama nagaa hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda hin qabnee fi mana amantaatti deddeebi’uun yeroo isaa dabarsu, faarfataa Waldaa Guutuu Wangeelaa Alakuu ta’uun himamuun, Osoo Inni hiriyyaa isaa bira bulee ganama gara manaatti galaa jiru waraanni naasuu ilma namaaf hin qabne kunneen lubbuu isaa balleessuun dubbatame.

Golee Oromiyaa cufa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti lubbuun ilmaan Oromoo darbaa jiraachuu gabaasaa kan jiruu fi addatti ammoo dargaggoonni akka bineensa bosonaatti adamfamanii ajjeefamuun itti fufuun walqabatee egereen uummatichaa yaaddessaa ta’aa jiraachuus dabaluun ifoomsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading