• Sat. Jan 3rd, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee harawaa keessatti murni bilxiginnaa walga’ii uummata waamuun milishoota leenji’aa jiraniif, maallaqa walitti buusaa jechuun uummta saamaa jiraachuun himame

Feb 7, 2024

ONM-ABO Amajjii 7, 2024

Impaayeera kufe deebisanii ijaaruuf abjuu guddaa kan qaban murni maafi’aa pp, maqaalee adda addaa moggaafachuun uummta qaala’iinsi jireenyaa mataa irra ba’uun waan qabu fi dhiisu wallaale jiru maallaqa dirqiin kaffalchiisaa jiru.

Akkuma kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo, aanaa Dawwee Harawaa bakka Hadhoo waaldaa jedhamutti murni bilxiginnaa waltajjii guyyaa 2 guraandhala 4 hanga 5, hawaasa waamaniin milishoota leenjii irra jiraniif jechuun, tokko tokkoon namootaa irraa qarshii 100 — 300 dirqiin nu kaffalchiisaa jiru jechuun jiraattootni dabaluun dubbatan.

Akka jiraattotani jedhanitti murni bilxiginnaa yeroo ammaa milishoota magaalaa Booraa fi bakka Waladdee jedhamutti baay’inaan leenjisaa jiru kana waan nyaachisu dhabuu irraan kan ka’e hawaasa nagaa gidirsaa jiras jedhan.

Namoota waltajjii jedhame kan hin baanee fi maallaqa kan kaffaluu hin dandeenyu jedhan ammoo, deeggartoota Waraana Bilisummaa oromooti jechuun reebichaa fi ni hidhamtu jechuun uummtatti dhaadachaa turuu isaanii maddeen ONMtti gabaasaniiru

Dabalataanis magaalaa Booraa keessatti murni faashisti pp kun qe’ee irra deemuun dubartootaan nyaata milishaa gootu jechuun dirqiin mana isaanii irraa fuudhuun nyaata milishaa dhaabsisaa jiraachuu maddeen magaalaa Booraa addeessaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading