• Tue. Mar 31st, 2026

Baha Oromiyaa keessatti maqaa inshuuraansii fayyaa jedhuun saamichi jiraattota irratti taasifamaa jiraachuun dhaga’aame

Feb 9, 2024

ONM- ABO Guraandhala 9, 2024 

Bilxiginnaan erga aangootti dhufee kaasee haal-dureewwan adda addaa caqasuun dinagdee ilmaan Oromoo dadhabsiisuuf jecha guutuu Oromiyaa keessatti saamicha labsee kan jiru yeroo ammaa baha Oromiyaa onoota hundaa keessatti jiraattotni maallaqa saamamaa jiraachuu ONM odeeffateera

Akkuma kanaanis aanaalee akka  Badannoo, Maayaa Siitii fi kanneen hafan biroo keessatti maqaa haaromsa in-shuuraansii fayyaa jedhuun qarshii 960 tokko tokkoo manneen jiraattotaa irra deemuun guuraa akka Jiran jiraattotni dubbatu

Namootni waan kaffalan dhabanis hidhamaa jiraachuun kan beekame yoo ta’u, hawaasa qaala’iinsi jireenyaa rakkisaa jiruu fi beelli ilmaan harkatti fixaa jiru gandoota hedduu irraa qabuun aanaleetti hidhanii hiraarsaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading