• Tue. Jan 13th, 2026

Lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa namoota 3 ajjeesuun, 3 yoo maddeessan aanaa Gubbaa Qorichaa keessattis namni tokko ajjeefamuun dhaga’aame

Feb 12, 2024

ONM-ABO Guraandhala 12, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti hammeenyi ilmaan Oromoo irratti dalagame seenaa keessatti fakkaataa danuu kan hin qabne hogguu ta’u, rakkoo siyaasaa isaan mudate nagaan furachuurra qondaaltotni sirna bilxiginnaa ajjeechaa jumlaa namoota nagaa irratti taasisuu filatanii duguuggaa sanyii raawwachaa jiru.

Guraandhala 9, 2024 godina Harargee lixaa aanaa Gumbii Bordoddee ganda Gurii Arbaa keessatti waraanni impaayera Itoophiyaa namoota nagaa 6 bakka isaan walitti qabamanii jiranitti dhukaasa itti banuun namoota 3 battalatti ajjeesuun 3 ammoo madeessuun himame.

Maqaan namoota kanneenii muraasni kan nu ga’e: Hasan Waariyoo Kan ajjeefamee fi Huseen Roobaa madoo Kan ta’e yoo ta’aan namootni hafanis maqaan akkuma nu ga’een kan isin beeksisnu ta’a.

Oduuma ajjeechaan Kan wal qabatu Amajjii 30, 2024 nama maqaan isaa Abdii Siraaj jedhamu jiraataa aanaa Gubbaa Qorichaa magaalaa Kammoonaa Kan ta’e waraana maafi’aa PP’n rukutamuun Guraandhala 4 lubbuun akka darbe dabaluun jiraattootni ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading