ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Waajjirri Maakroon Kamisa kaleessa akka jedhetti, “Waliigalteen kun walgahii NATO Adoolessa 2023 Vilniyuus keessatti gaggeeffamu cinaatti garee G7 keessatti waadaa galame hordofeeti” jedheera.
Yeroo sanatti hoggantoonni NATO yeroo Yukireen gamtichatti akka makamtu hin kaa’in ture, garuu biyyoonni G7 Yukireen deggarsa nageenyaa yeroo dheeraa akka argattuuf waadaa galaniiru.
Yunaayitid Kingidam fi Yukireen baatii Amajjii keessa waliigaltee nageenyaa biyyoota lamaanii kan mallatteessan yoo ta’u, Kiiv biyyoota biroo waliinis mari’achaa jirti.
Waliigalteewwan nageenyaa akkasii meeshaalee waraanaa ammayyaa dhiyeessuu fi loltoota Yukireen leenjisuu kan dabalatu ta’uu danda’a.
Erga bara 2022 Raashiyaan Yukireen weerartee as Faransaay deggartoota olaanaa Kiiv keessaa tokkodha.
Maakroon baatii Amajjii keessa baatii Guraandhala kana keessa Yukireen daawwachuuf karoorfachuu isaanii kan ibsan yoo ta’u, gareen isaanii garuu ibsa dabalataa hin kennine.
Maakroon indaastiriin ittisaa Faransaay gara haala “dinagdee waraanaatti” akka ce’ee fi oomisha akka guddisu dhiibee jira.
Ji’a Amajjii keessa pirezidaantiin Faransaay Waashingitan gargaarsa Yukireeniif gootu irratti yoo harkifatte biyyoonni Awurooppaa Yukireen deggaruuf akka qophaa’an gaafatanii turan.
Addatti waajjirri Zelensky akka jedhetti pirezidaantichi Jimaata har’aa Chaansilara Olaf Scholz waliin wal arguuf gara Jarmaniittis akka imalan ibseera.
Loltoonni Yukireen sababa hanqina rasaasaa fi haleellaa haaraa Raashiyaa irraa kan ka’e sarara fuulduraa bahaa irratti haalli rakkisaa ta’e isaan mudachaa jira jechuun Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.





