• Wed. Jan 7th, 2026

Murni bilxiginnaa kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Adaadii keessatti dargaggoota lama ija hawaasaa duratti rasaasaan tumanii ajjeesuu jiraattotni ONMtti himaniiru

Feb 24, 2024

ONM-ABO Guraandhala 24, 2024

Ajjeechaan bifa garaagaraatiin uummata Oromoo irratti adeemsifamaa jiru guyyaa guyyaan dabalaa deemun namoonni hedduunis gochaa isaanii malee hidhattoota murna bilxiginnaan dhiigni isaanii dhangala’aa oola.

Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 23, 2024 kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa magaalaa Adaadii keessatti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Tarruu Firrisaa fi Birhaanuu Baacaa jedhaman akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qabanii fakkeessuun ija hawaasaa duratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni magaalichaa taatee kana ijaan argan ONMtti himaniiru.

Dargaggoonni kunneen gochaa isaan ittiin shakkanii ajjeesan kana keessaa harka kan hin qabnee fi sababuma shakkii irraa qabaniif jecha akka ajjeesan himuun, kaayyoon kaabinootaa fi hidhattoota kanaas dargaggoota biroo jiilchuuf jecha gocha sukkanneessaa kana akka raawwatan himan.

Akkasuma aanuma Qarsaa Maallimaa magaalaa Leemman keessatti gaafa Guraandhala 20, 2024 mana hidhaa aanichaa keessaa hidhamtoota maqaa siyaasaan yakkaman jaha halkan irra baasuun daandii gurraacha irratti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu isaanii gabaasaa turuun kan yaadatamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading