• Tue. Jan 13th, 2026

Ameerikaa fi UKn erga dooniin Galaana Diimaa irratti rukutamte bakka Huutii Yaman keessa jiru rukutan

Feb 26, 2024

ONM-ABO Guraandhala 26, 2024

Akka qondaaltonni Ameerikaa jedhanitti, xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa fi Ingilizii Sanbata dheengaddaa bakkoota Huutii saddeet, misaa’elota, furgiggistoota, rookkeettii, diroonii fi sirna ittisa qilleensaa irratti xiyyeeffachuun rukutaniiru. Qondaaltonni kunneen maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniiru.
Erga Amajjii 12 as waraanni Ameerikaa fi Ingilizii waliin ta’uun Huutii irratti duula kan gaggeessan kun yeroo afraffaadha. US garuu guyyaa guyyaan jechuun ni danda’ama haleellaa raawwachaa kan turte yoo ta’u, kunis misaa’ela dhufanii fi diroonii doonii irratti xiyyeeffate dabalatee, meeshaa waraanaa furguggisuuf qophaa’e xiyyeeffachuuni.

Xiyyaaronni waraanaa US F/A-18 xiyyaara fe’umsaa USS Dwight D. Eisenhower kan yeroo ammaa Galaana Diimaa keessa jirtu irraa furguggifamte jedhan qondaaltonni.

“Ameerikaan tarkaanfii fudhachuu irraa duubatti hin jettu, akka barbaachisummaa isaatti, daandii bishaanii addunyaa irratti murteessaa ta’e tokko keessatti lubbuu namaa fi yaa’a daldalaa bilisaa ittisuuf,” jedhan Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyd Oostiin. “Huutiin haleellaa seeraan alaa isaanii yoo hin dhaabne bu’aa isaa akka baadhatan ifa gochuu itti fufna jedhan.

Huutiin “weerara Ameerikaa fi Ingilizii” balaaleffachuun deebii kennuudhaaf hojii waraanaa isaanii akka itti fufan dhaadataniiru. “Humni waraanaa Yaman, ittisa biyya keenyaa, ummata keenyaa fi saba keenya ittisuuf galmoota diinummaa Galaana Diimaa fi Arabaa hunda irratti tarkaanfii waraanaa qulqullina qabuu Ameerikaa fi Ingilizii irratti akka fudhannu ni mirkaneessina,” jechuun ibsa baaseen ibseera.

US, UK fi michoonni biroo ibsa kennaniin “haleellaan barbaachisaa fi madaalawaa ta’e kun addatti bakka Huutii 18 Yaman keessatti bakka 8 irratti xiyyeeffate” kan jedhu yoo ta’u, kunis bakka kuusaa lafa jalaa, raadaraa fi helikooptara kan hammateedha.

Ministirri Ittisaa UK Grant Shapps akka jedhanitti, jeettiiwwan RAF Typhoon “haleellaa sirrii” kan diroonii fi furgiggistoota Huutii salphisuuf kaayyeffate irratti bobba’eera. Shapps akka jedhanitti, “haleellaa cimaa Huutiin doonii daldalaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden irratti raawwate keessaa doonii lama kan Ingilizii ta’uu ibseera.

Haleellaan kun tumsa bal’aa kan Awustiraaliyaa, Baahireen, Kaanaadaa, Deenmaark, Nezerlaand fi Niwuu Ziilaand of keessatti hammate irraa deggarsa qaba.

Prezidaant Joo Baayiden fi hoggantoonni olaanoo biroo US haleellaa Huutii doonii daldalaa irratti raawwatamu akka hin obsine irra deddeebi’anii akeekkachiisaniiru.

Garuu haleellaan deebi’ee raawwatame kun duula Huutiin dooniiwwan naannichaa irratti taasisu kan hir’isu hin fakkaatu. Hidhattoonni kun lola Israa’el Hamaas irratti Gaazaa keessatti geggeessite irratti hundaa’anii jiraachuu dubbatu.

Huutiin Sadaasa 19 irraa eegalee yoo xiqqaate dooniiwwan daldalaa fi waraanaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden keessatti haleellaa 57 kan raawwatan yoo ta’u, guyyoota darban keessa saffisi kun dabaleera.

“Sa’aatii 48, 72 darban keessatti haleellaan Huutii irraa dhufu dabaluun isaa hin shakkisiisu,” jechuun dubbi himtuun Peentaagoon Sabrina Singh Kamisa ibsa kennaniin dubbatteetti jechuun Euronews gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading