• Sat. Oct 17th, 2026

Gaazexeessaan Faransaay yaa’ii gamtaa Afrikaa Itoophiyaatti geggeeffamaa turetti hirmaate ukkaamfamuun gabaafame

Feb 27, 2024

ONM-ABO Guraandhala 27, 2024

Gaazexessaan Faransaay Antuwaan Gaaliindoo jalqaba baatii kanaa maxxansa addaa Africa Intelligence jedhamuuf walgahii gamtaa Afrikaa uwwisuuf gara Itoophiyaatti imale.

Kamisa darbe hidhamuu isaa hordofee, Sanbata darbe abbaa murtii duratti dhiyaachuun, hidhaan isaa hanga Bitootessa 1’tti akka dheeratu ajajame jechuun, ”hidhamuu sababa malee” balaaleffachuun, manni hojii isaa Africa Intelligence ibseera.

“Himannaan sobaa kun ragaa qabatamaa bilisummaa dhabuu dheereffame kanaaf sababa ta’uu danda’u kamirrattiyyuu kan hundaa’e miti,” jechuun Gaalindoon ramaddii isaa aanga’oota Itoophiyaa beeksisee fi viizaa gaazexeessaa ta’ee achitti akka hojjatu hayyamu akka qabu akeekeera.

Gaazexeessaan ganna 36 kun kutaa Baha Afrikaatti maxxansicha kan hoogganu yoo ta’u, bara 2013 hanga 2017 gidduutti Itoophiyaa keessa kan jiraachaa ture fi ”Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa” kan impaayerattii keessatti beekamtii miidiyaa to’atu biratti beekamaa ture.

Akka maddi dhimmichatti dhihoo ta’ee fi maqaan isaa akka hin dhahamne AFP waliin dubbate ibsutti, Gaalindoon Kamisa waaree booda Finfinnee Hoteela Iskaaye keessatti qondaala paartii mormituu Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) waliin yeroo wal arganiitti to’annoo jala oole.

Ergasii waajjira poolisii magaalaa guddoo Itoophiyaa keessatti hidhamee akka ture maxxansichi hatattamaan akka gadhiifamu gaafateera.

Aanga’oonni Itoophiyaa gaaffii AFP’n akka yaada kennaniif dhiheesseef deebii hin kennine.

Dubbi himaan ABO AFP’tti akka himanitti, Kamisa darbe Finfinneetti qondaalli dhaabichaa tokko to’annoo jala ooluus Gaaliindoon qondaala kanaan wal arganii jiraachuu isaa mirkaneessuu hin dandeenye.

Biyyi Afrikaa baay’ina uummataan sadarkaa lammaffaa irra jirtu waldhabdee naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessatti uumameen dadhabdeetti.

Humnoonni Federaalaa Oromiyaa keessa jiran garee finciltoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) bara 2018 irraa eegalee, Adda Bilisummaa Oromoo irraa gargar bahuun qabsoo hidhannoo itti fufee, waliin lola geggeessaa jiru.

Gama biraatiin Amaarri ji’a Hagayya darberraa eegalee aanga’oota federaalaa fi milishaa naannoo Faannoo jedhamu gidduutti lola uumameen booda labsii yeroo muddamaa jala galteetti.

Labsiin jalqaba baatii kanaa dheerate kun, aanga’oonni uggura sochii akka labsan, shakkamtoonni ajaja malee akka shakkamanii fi akka hidhaman kan hayyamuudha.

Dhaabbanni miidiyaa hordofu Gabaastotni Daangaa Malee ( Reporters Without Borders akka gabaasetti, Itoophiyaa keessatti bara kana Amajjii 1tti gaazexeessitoonni 15 mana hidhaa keessa turan jedha.

Bara 2023’tti Itoophiyaan gama bilisummaa preesiitiin Addunyaa irraa sadarkaa 130’ffaa irratti kan argamte yoo ta’u, bara 2022 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa 16’n gadi bu’uu Dhaabbanni miti mootummaa kun ibseera.

Hidhamuu gaaxessaa Faransaay Antuwaan Gaaliindoo ilaalchisee gareen Mirga Gaazexeessitootaaf Falmu CPJ’n akka gadhiifamu gaafateera.
Obbo Battee Urgeessaa yeroo darbe murna bilxiginnaan badii tokko malee qabamanii hidhamuun dararaa mana hidhaan miidhaan fayyaa isaanii irra ga’ee kan ture yoo ta’u, qondaalli ABO obbo Lammiin, obbo Batteen mana murtiitti dhiyaachuu isaa malee maaliif akka qabame odeeffannoo guutuu akka hin arganne BBC’tti himeera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading