ONM-ABO Guraandhala 27, 2024
Guraandhala 24, 2024 godina Matakkal aanaa Dibaax keessatti waraanni faashistii PP jiraattota ganda Geshee osoo gabaa dhaqanii galaa jiiranii bosona keessa riphanii eeguun erga qabanii booda saamicha irratti raawwatanii jiru.
Namoota saamichi irratti raawwatame keessaa kan maqaan nu ga’e Asteer Baabbee irraa faayaa mormaa fi qarshii 3000, Taarikee Taaddasee fi darggaggoo Waaqtolee Badhaasaa irraa faayaa mormaa kan fudhatan yoo ta’u jarreen kun jiraattota ganda Gesheeti.
Ganda Goongoo irraa ammoo Tutunee Dullumee fi Maartaa Darajjee irraa warqee mormaa qarshii 19,000’n bitame, Bilisummaa Tolasaa irraa bilbila haxaa’amu fi Lalisaa Geetaachoo bilbila haxaa’amu afaan qawween doorsisanii irraa saamaniiru.
Akkasumas, qonnaan bultoota maqaan isaanii Baabbee Fayisaa fi Faxxanaa Abdiisaa jedhaman maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun doorsisanii maallaqa irraa fudhatan.
Aanuma Dibaax ganda Sonboo Siree keessatti guyyuma kana Guraandhala 24, 2024 WBO’tu as bulee nu irratti dhukaase jechuun mana obbo Abdiisaa Dajjaas osoo isaan mana isaanii keessatti sagantaa kadhataa geggeeffataa jiranii dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaan irratti dhukaasuun maatii fi namoota sagantaa irra ture taamsasanii jiraachuu maddeen godina Matakkal Arraata Biyyoolessa Oromiyatti himaniiru.



