• Fri. Mar 20th, 2026

Baayiden waraanni Gaazaa waldhabdee kanaan dura achitti raawwatame hunda caalaatti namoota nagaa irratti miidhaa guddaa geessise jedhan

Mar 9, 2024

ONM-ABO Bitootessa 8, 2024

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayiden haasawa Haala Gamtaa Kamisa kaleessaa taasisaniin lola Israa’el naannoo Gaazaa marfame irratti itti fuftee jirtu kan kanaan dura hin argamne ta’uu isaa beeksisaniiru.

Baayiden waldhabdeen kun naannoo qarqara galaanaa keessatti lammiileen Falasxiinota 30,000 ol akka du’an kan taasise ta’uu fudhachuun, waraanni kun “waraana kanaan dura Gaazaa keessatti gaggeeffame hunda caalaa namoota nagaa qulqulluu irratti miidhaa guddaa geessiseera” jedhan.

Namoota du’an keessaa “harki caalaan” “Hamaas miti” jechuun, namoota ajjeefaman keessaa “kumaa fi kumaatamaan” ”qulqulloota, dubartootaa fi daa’imman, shamarranii fi ijoollee dhiiraa” ta’uu dubbataniiru.

Lammiileen Falasxiin gara miliyoona 2 ta’an boombii ykn buqqa’aa jala jiru. Manneen barbadaa’anii, naannoon caccabuun magaalonnis diigamaniiru. Maatiin nyaata, bishaan, qoricha hin qaban. Garaa nama cabsa,” jechuun Baayiden walgahii waloo Kongireesii irratti dubbataniiru.

Pirezidaantichi waraanni Ameerikaa qarqara galaanaa Gaazaa irratti buufata doonii yeroof akka dhaabu qajeelfama kennuu isaanii ifatti beeksisaniiru, kunis uummata Gaazaa rakkatee jiruuf nyaata, bishaan, qorichaa fi bakka yeroof gaaddisa ta’u kennuu danda’a jedhan.

Pirojektii yeroo gabaabaa kana raawwachuuf loltoonni Ameerikaa kamiyyuu Gaazaa keessatti lafa irratti akka hin argamne dubbataniiru.

”Buufanni doonii yeroof ta’u, gargaarsi namoomaa guyyaa guyyaan gara Gaazaa seenu baay’ee akka dabalu ni dandeessisa,” jedhan. “Israa’el gahee ishee bahuu qabdi. Israa’el gargaarsa dabalataa gara Gaazaatti hayyamuu qabdis jedhan.

“Lubbuu namoota qulqulluu eeguu fi baraaruuf dursa kennamuu qabu,” jedhan.

Israa’el haleellaa waraanaa Gaazaa irratti guyyaa 153’ffaaf itti fuftee jirti. Haleellaa Onkoloolessa 7 garee Falasxiin Hamaas raawwachuun namoota ishee 1,200 ajjeese haaloo ba’uuf, Tel Aviv duula waraanaa irra jirti.

Baayiden akka jedhanitti, waldhabdee Israa’el fi Falasxiin bu’uuraa ta’eef “furmaanni dhugaa tokkichi” furmaata mootummoota lamaanii yoo jedhanis Muummichi Ministeeraa Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun hangan aangoo irra jirutti abbaa biyyummaa uummata Falasxiin hin heyyamu jedhanii turuu Dhaabbanni Oduu Turkii Anaadooluun gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading