ONM-ABO Bitootessa 13, 2024
Gareen goolessaa PP waraana isaa qawwee hanga funyaaniitti hidhachiisuun uummata Oromootti bobbaasee qabeenya barbadeessuu hanga lubbuu balleessuutti tarkaanfii fudhachaa oola.
Waraanni faashistii PP aangoo Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman godina lixa Shaggar aanaa Miidaaqenyi magaalaa Qanyii keessa buufattee kan jirtu Bitootessa 10, 2024 Dilbata galgala dubartii maqaan ishee aadde Yaadashii jedhamtu heerumtee, da’umsaaf maatii ishee bira teessee guyyaa da’umsaa lakkaa’achaa kan jirtu badii tokko malee ajjeesaniiru.
Godinichuma aanaa Gindabarat ganda Muka Diimaa Sootalloo keessatti Bitootessa 9, 2024 manneen namoota hedduu gubanii jiru.
Namootni manneen jalaa gubate kun obbo Baqqalee Bultoo, abbaa Maatii 3 mana waliin midhaan kuntaala 5 yoo guban, obbo Araarsaa Tolasaa, abbaa maatii 7 ammoo jabbii hootu mana waliin guban.
Akkasumas obbo Bantii Tufaa jalaa mana tokko gubuun tokko yoo caccabsan, abbaa maatii 6 kan ta’e obbo Doorii Baay’ee jalaas mana gubanii barbadeessuun barameera.
Waraanni faashistii PP erga koloneel Abiy Ahimediin qe’ee Oromootti bobbafamii Oromiyaa bakka cufatti gochoota farra namoomaa fi salfachiisaa raawwachaa jiraachuun ni beekama.







