• Sat. Jan 10th, 2026

Dhiittaan mirga namoomaa waraana maafi’aa PP’n jabaatee jiraachuu jiraattonni godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ONM’tti himan

Mar 15, 2024

ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024

Waraanni murna bilxiginnaa namoota hiraarsuu qofaa irratti xiyyeeffachuun, maatii irraa dhalatan dabalatee hawaasa keessa jiraatan hundaa nagaaf tasgabbii dhorkuun bakkeewwan hojii isaaniitti adamsuun ajjeesuu, hidhuu fi qabeenyaa saamuun cinaatti reebicha irratti geggeessaniin qaama hir’uu taasisuu irratti argamu.

Bifuma kanaanis godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa keessatti Bitootessa 13, 2024 haadha tokko kan maqaan ishee Hasnaa Ahimadnuur jedhamtu shakkii hariiroo WBO waliin qabdiitiin reebicha jabaa erga irratti raawwataniin booda gara waajjira poolisii aanaa Cawwaaqaatti geessanii akka hidhan himaniiru.

Aadde Hasnaan humna waraana maafi’aa PP’n reebicha irratti ta’een miidhamtee akka jirtu kan himamu, hanga gabaasni kun qindaa’etti yaala tokko malee mana hidhaa keessatti akka argamtus dabaluun dubbataniiru.

Dabalataanis obboleettii ishee Hangaatuu Ahimadnuur fi abbaa isaanii obbo Ahimadnuur Alii irratti reebicha akka raawwatanis beekameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading