• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa magaalaa Caancoo keessatti hojjettoonni Piroojektii adda adda hojjetan kaabinoota magaalichaan saamamaa jirra jedhu

Mar 22, 2024

ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024

Duula saamichaa jabaa qabatanii hojiitti kan jiran kaabinoonni murna bilxiginnaa maqaa adda addaa moggaafachuun uummta saamuu bira darbee namoota waldaan gurmaa’anii hojiilee adda addaa irratti bobba’anii jiraatan maallaqa humnaa olii gaafachuun gidirsaa jiru.

Aanaa Gololchaa magaalaa Caancoo keessatti namoota hojii Piroojektii magaalichaa keessatti bobba’uun hojjetan dirqama itti gochuun kaabinoonni aanichaa dura taa’aa faayinaansii nama Mangistuu Hayilamaaram jedhamu dabalatee hojjettoota kanneen irraa qarshii 10,000 guuraa jiraachuu ONM’tti himan.

Akka hojjettoonni kunneen jedhanittis kaabinoonni kunneen dantaa dhuunfaa isaaniif oolfachuuf jecha nu saamaa jiru jechuun, hojiilee gara fuulduratti hojjennuuf illee nu danqanii jiru, saamicha kana nurraa hin dhaaban taanaan hojjechuu hin dandeenyus jedhaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading