ONM-ABO Ebla 1, 2024
Marree isinis Raadiyoo qabsoo uummata Oromoo tokkoomsee injifannoo qabsichaas tiksuun galma barbaadame akka ga’utti qabsoo hidhannoon geggeeffamaa jiru jabeessuun hojjechaa jiru dhaggeeffachuun odeeffannoowwan wayitawaa oduu, oolmaa WBO, Gumaachaa fi qophii addaa armaan dura akka lakkoofsa impaayerattiitti galgala sa’atii 1:00 -1:30tti isiniif darbaa ture galgala ykn gala horii sa’atii 12:00 -12:30tti guyyaa har’aa Ebla 1, 2024 irraa eegalee darbuu jalqabe akka hordoftan isin beeksina.
Kana jechuunis tamsaasni keenya,
Torbanitti guyyoota Shan Wiixata, Kibxataa, Roobii, Jimaataa fi Sambata duraa akka lakkoofsa impaayeera Itoophiyaatti galgala keessaa sa’a 12:00 hanga 12:30tti Dambalii gabaabaa meter band 19, KHZ 15425 irratti sagantaa isaa guutuu dabarsa.
Egaan raadiyoo keessan sa’a jedhametti saaqxanii dhaggeeffachuun dhimma Oromoo fi Oromiyaa quba qabaachuu ni dandeessu!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa akeeka ganamaa qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga’uuf kan onnate!
Sagalee Cunqurfamtootaa
Injifannoon uummata Oromoof!
