ONM-ABO Ebla 3, 2024
WBO waliin hariiroo qabda maqaa jedhuun Oromiyaa keessatti ajjeechaa jumlaa, saamichaa fi hidhaa raawwachaa kan jiran hidhattootni murna bilxiginnaa namoota hedduus qabeenyaa isaan ala gochuun hidhaa daangaa hin qabnes irratti raawwachaa jiru.
Guyyaa kaleessaa jechuun Ebla 2, 2024 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Gobbii Jaarii keessatti qabeenyaan qonnaan bultootaa saamamuun hidhaa fi reebichis namoota nagaa irratti raawwatame.
Namoota gochoonni kunneen irratti raawwatame keessaas Misgaanuu Tolaa jalaa buna keeshaa shan yoo jalaa fudhatan, Malkaamuu Ittaanaa fi Mitikkuu Xintii kanneen jedhaman irratti ammoo reebicha hamaa raawwachuun yoo hidhan, dubartoota lama kanneen maqaan isaanii Shukkee Kabbadaa fi Fajirii Tasfaa jedhaman reebicha irratti geggeessuus maddeen himan.
Murni bilxiginnaa ragaa qabatamaa tokko malee akkasumas gocha namoota kanaa malee Waraana Bilisummaa Oromootti akka namni hin dhihaanneef jecha tooftaa mataa isaanii baafachuun namoota nagaas akka gidirsaa jiran ibsaniiru.

