• Wed. Jan 14th, 2026

WBOn godina Lixa Shaggar aanaa Amboo keessatti diina du’aa fi madoon adabuun qawwee irraa hiikkate

Apr 8, 2024

ONM-ABO Ebla 7, 2024

Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu itti fufuun Lixa Shaggar keessaatti diina adabaa oole.

Har’a Ebla 7 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu Galeessaa Birgeediin Obomboleettii aanaa Amboo ganda Bokkuu Xuleetti waraana faashistii PP maqaa sakattaa WBO jedhuun bobba’uun uummata dararaa turte rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun battalatti 40 yoo ajjeesu, 55 ammoo madeessuun kan hafte ari’ee magaalaa Ambootti deebisee jira.

Lola kanaanis waraana faashistii Abiy Ahimed irraa qawwee PKM 4, AKM 55, rasaasa dishqaa 480 jorooroo isaa waliin, qaamolee dishqaa mutaa isaa waliin, rasaasa, hidhannoo, boombii fi meeshaalee garaagaraa dugda diina irra hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading