ONM-ABO Ebla 15, 2024
Dachee abbaa isaa irratti bara dhufaa darbaa mootummoota abbaa irreen gaaga’ama guddaa kaffalaa kan jiru uummanni Oromoo, har’a illee qe’een isaan qe’ee dhiigaa fi gaddaa ta’uu itti fufee jira.
Duuti irraa dhaabbatee kan hin beekne bara cabiinsa isaa irraa eegalee Oromoon bara abbootiin garaa ani Oromoodha ofiin jedhanii aangoo impaayeerittii irra jiranis akkuma dhiigutti jira.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 13, 2024 godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Tolee ganda Gonninaaf Bubbisaa jedhamu keessatti qonnaan bultoonni sadii waraana koloneel Abiy Ahimediin waadamuun ajjeefamaniiru .
Namoonni ajjeefaman kunneenis Baayisaa Baahiruu, Girmaa Mul’isaa fi Abarraa Mul’isaa kanneen jedhaman yoo ta’an, jarreen kun badii tokko malee haala suukkaneessaan kanneen qe’ee isaaniitti mana isaaniitii gadi baafamuun ajjeefamaniidha.
Namoonni ajjeefaman kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an hojii qonnaatiin alatti namoota siyaasa keessaa qabnee dha. Haa ta’u malee maqaa WBO nyaachistan jedhuun akka ajjeefamanis jiraattootni ibsaniiru.


