ONM-ABO Ebla 17, 2024
Artistiin agarsiisa aartii idil-addunyaa irratti Israa’el bakka butee hirmaatte tokko waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessitu hatattamaan akka dhaabbatu gaafatte.
Artistiin Israa’el bakka bu’uun Biyeenaalee Veenisiitti hirmaatte kun hanga waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota Gaazaa keessatti qabaman gadhiisuuf waliigaltee irra ga’amutti agarsiisni ishee akka hin banamne beeksifteetti.
Aartiistii fi kiyureetaroonni paaviiliyoon Israa’el agarsiisa kana kan banan yeroo waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi namoota booji’amtoota gadhiisuu irra ga’amutti,” jedha mallattoon Kibxata kaleessaa foddaa paaviiliyoon Israa’el irratti kaa’ame.
Paatir marsariitii ishee irratti akka jetteetti “Murteen aartiistii fi kiyureetaroonni murteessan ofii isaaniis ta’e agarsiisa kana haquu miti jette.
Biyeeleen kun Sanbataa hanga Muddee 24tti magaalaa kaaba Xaaliyaanii Veenisiitti kan beellamame yoo ta’u, addunyaa irratti aartii ammayyaa kanneen barbaachisoo ta’an keessaa tokko ta’ee fudhatama.
Ani artistii fi barsiistuu dha. Garuu deebii sirriin akka hin jirre waan natti dhaga’amuuf waanan danda’u gochuu hin dhiisu, iyya isaanii keessatti waliinan dhaabadha, amma dhukaasa dhaabuutti, sagalee koo ol kaasuun filadha jetti.
Israa’el akka tilmaamtetti, namoota 34 du’aniiru jedhaman dabalatee, booji’amtoonni 129 yeroo Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti waraana raawwate irratti qabaman, Gaazaa keessatti hafaniiru.
Haleellaa kana booda Israa’el Gaazaa irratti waraana banuun yoo xiqqaate namoota 33,843 ajjeesuu fi 76,575 madoo ta’uu aanga’oonni Falasxiin ibsaniiru.
Haleellaan Israa’el kun uummata Gaazaa miliyoona 2.3 keessaa dhibbeentaa 80 ol kan buqqa’e yoo ta’u, naannoo ishee baay’ee gara caccabaatti gadi buuseera.
Israa’el dhiyeessii gargaarsa namoomaa irratti daangaa cimaa kaa’uu itti fufuun, dhaabbileen gargaarsaa kutaalee naannoo sanaa tokko tokko beelli akka mudatu akeekkachiisaniiru jechuun aljezeraan gabaaseera.




