• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Kaaba Shaggar keessatti Waraanni faashistii PP meeshaalee waraanaa gurguddaa uummata irratti dhukaasuun miidhaa qaamaa hawaasa irratti geggeessuun lubbuu horii balleessuu fi qabeenyas saamuun barame

Apr 24, 2024

ONM-ABO Ebla 23, 2024

Waggoottan ja’an darban kana bulchiinsi abbaa irree impaayera Itoophiyaa bilxiginnaan dararaa uummata Oromoo irratti geggeessaa jiruun lubbuu lammiilee tilmaamamuu hin danda’amnee fi qabeenya uummataa shallagamee dhumuu hin dandeenye barbadeessaa jiraachuun isaa beekamaadha.

Impaayera Itoophiyaa raafama hamaa keessa jirtu deebisee suphuuf Oromiyaa dirree lolaa gochuun humnoota waraanaa qilleensa irraa fi waraana lafoon meeshaalee waraanaa gurguddaa fayyadamuun ilmaan Oromoo dhabamsiisaa kan oolu koloneel Abiy Ahimed ammas ergamtoonni isaa dhukaasa meeshaa waraanaa gurguddoo uummata irratti banaa jiraniin dhiiga lammiilee dhangalaasuu, lubbuu horii hawaasaa balleessuu fi qe’ee akkasumas qabeenya Oromootaa barbadeessaa jira.

Waraanni faashistii PP Ebla 19, 2024 godina Kaaba Shaggar aanaa Jalduu ganda Faalloo keessatti meeshaa waraanaa Madfiii dhukaasuun obbo Hirphaa Dirribaa jalaa loon lama ajjeesan. Aanaa Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessatti ammoo, Obbo Baqqalaa Begii jalaa Moortera itti dhukaasuun manaa fi qabeenya yoo barbadeessan obbo Gaaddisaa Baqqalaa jalaa immoo mana lama qabeenya waliin barbadeessan.

Ganda Qoree Ginnoo keessaa ammoo re’oota 6 fi lukkuu 3 yoo qalatan loon tokko immoo moortera itti dhukaasuun  ajjeesan. Aanaa Meettaa Walqixxee ganda Siree Baabbuu keessattis obbo Baay’isaa Tulluu jalaa mana lama diiguun midhaan ardaba 5 yoo fe’atan obbo Abdataa Dirribaa jalaas midhaan ardaba lama akka fe’atan maddeen gabaasan.

Aanaa Warra Jaarsoo ganda Ejersaa keessattis Moortera  murna bilxiginnaan uummata irratti dhuka’een namoota lama kanneen maqaan isaanii Aadde Kuruuzee Baalchaa fi Fayyee Adabuu jedhaman madaa’uun hospitaala Kuyyuutti yaalamaa akka jiran maddeen ONM’tti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading