• Thu. Mar 19th, 2026

WBOn Zoonii Lixaa Aanaa Hawwaa Galaan Keessatti Tarkaanfii Waraana Faashistii PP Irratti Fudhateen Qawwee 6 Irraa Hiike

May 19, 2024

ONM-ABO Caamsaa 17, 2024

Abdii fi wanteen uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhatu jabeessee jira.

Haaluma kanaan Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Mojoo keessatti ganama har’aa Caamsaa 17 mooraa waraanni faashistii PP qabatee jirutti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo marsee buluun ganama barii sa’a 12:00 qabuun dhukaasa itti baneen rasaasan akaa’ee baarudaan macheessee 12 ajjeesee sadii baqachuun mooricha keessaa qulqulleesseera.

Tarkaanfii laalessaa jajjabeen sabaa Birgeediin Odaa Kaarraa Cibraan Hangaasuu Gambitaa fudhatee kanaan qawwee AKM 6 fi SKSn tokko dugda diinaa irraa hiikamuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii ta’eera.

Qondaaltotni waraana faashistii PP barbadeessineerra, harka kennachaa jiruu fi funaanaa jirraan yeroo miidiyaan ololanitti WBOn bakka cufatti diina dha’ee ajjeesaa, irraa hiikaa fi booji’aa akka jiru ni beekama.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading